Guyyaa har’aa FDG Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti fufee olee jira

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 6,2014 Mettaa Roobii
Caamsaa 6/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti goototni uummaanni Oromoo mirga abbaa biyyuummaa isaa kabachiifachuuf FDG fi gaaffii mirga fi dimookiraasii gaggeessuun ibsamera. FDG Godinicha keessatti qabatee jiru, guyyaa har’a daran jabaachuun Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti fufee olee jira. Hojjeettootni mootummaa illee utuu hin hafiin hiriira nagaa kana irra qooda fudhataniru, Wajjiraaleen Mootummaa fi Bankiiwwaan dhuunfaa fi Mootummaa hundii cufamuun gabaafamera. Sabboontotani barattootni Oromoo Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa barattoota sadarkaa tokkoffaa fi uummataan wal ta’uun hirriira guddaatu gaggeeffame.

Waraannii Wayyaanee akkuma amaleeffatame, humna guddaa fi meeshaalee waraanaa gurguddaa fe’achuun gara Meettaa Roobiitti guuramaa jira. Hiriiricha keessatti jaarsoliin biyyaa fulduratti hiriiruun nuti nagaa barbaadna, mirga keenya falmachuuf baane, lafti keenya nurraa sam,amaa mirga dhabduu taanee hin teenyu jechuun waraanaa wayyaanee dargaggoota Oromoo dhiiga dhuguu bare ijoollee isaanii irraa akka ittisaa turan ibsamee jira.

2 thoughts on “Guyyaa har’aa FDG Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo irratti fufee olee jira

Leave a reply to filebar Cancel reply