Suuraalee FDG Ummata Oromoo Horroo Guduruu,Wallagga Magaalaa Kombolchaa

Horro Horroo Kombalcha Horroo kombolcha HorroooHorroo

3 thoughts on “Suuraalee FDG Ummata Oromoo Horroo Guduruu,Wallagga Magaalaa Kombolchaa

  1. Fincilli barattootaa Naannoo Somaaleettis ce’e: Ambotti eda reeffi nama lamaa muldhate:fincilli baratootaa fincila uummataatti geeddarame

    Oduu ammaantan guyyaa 4/5/2014 (26/08/2006) nu gaheen, Naannoo Somaalee Yunivarsiitii Jigjigaatti gocha suukkanneessaa ajjeechaafi hidhaa barattootaafi uummata Oromoorratti mootummaan raawwatamaa jirufi saamicha lafaa naannawa Finfinnee ilaachisee Baratoonni Oromoo hiriira mormii bahaniiru.

    Oduu wal-fakkaatuun, magaalaa Amboo keessatti eda reeffi nama lamaa du’ee argamuusaa Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin gabaasee jira. Achuma Magaalaa Ambooti osoo hin bahin, Magaalaa Amboo keessatti poolisoota Oromiyaa irraa meeshaan waraanaa hiikamuun, magaalittiin loltuu fi poolisii federaalaatiin marfamtee jirti. Magaalaa Amboo qofa keessa hanga ammaatti namoonni du’an 16 gahuun himame jira. Bifuma wal-fakkaattuun Abbaa Duulaa Gammadaan kaleessa uummata Amboo dhaqee dubbisuun gaaffiiwwaan Uummataa Amboo irraa itti dhihaateef, humna isaatiin ol akka ta’eef guyyaa Wixata dhufuutti beellama akka qabatee OMN gabaasee jira.

    Hiriirri mormii barattootaarraa ka’e gara fincila uummataatti jijjirame kun, godinaalee Oromiyaa harka caalu waliin gahee jira. Mormiin kun, hanga kaleessa galgalaatti aanaalee godina Shawaa Lixaa Shanan, Xuqur-hincinnii, Ijaajjuu, Geedoo, Baakkoofi Iddaannotti adeemsifamaa akka ture, Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin gabaaseera.

    Godina Haragee Lixaa Galamsoofi Araddaalee/aanaalee gara garaa keessatti gocha suukkanneessaa ajjeechaafi hidhaa barattootaafi uummata Oromoorratti mootummaan raawwataa jiru mormuudhaan uummanni hiriira mormii bahaa jiraachuun dhaga’ame. Godina Qeellam Wallagaa keessattis hiriira mormii taasifamaa jiruun, lubbuun nama tokko darbuun dhaga’ame. Magaalaa Najjoottis, jaartiin waggaa 50 fi namootni lama rasaasaa poolisii federaalaa irraa gara uummatatti dhukaasaniin mada’anii hospitaala seenaniiru. Naannawa akka Jaarsoo, Baabboo, Qilxu-kaarraa fi kkf tti fincilli uummataa akkuma itti fufetti jira.

    Oduu wal-fakkaatuun barattoonni Oromoo yunivarsiitiiwwaan akka Adaamaa, Haramaayaa, Dirree Daawwaa fi Madda Walaabuu keessaa bahuudhaan gara uummataatti baqachaa jiraachuun dhaga’ame. Gaafa Roobii irraa jalqabee baratoonni yunivarsiitii madda Walaabuu gara baadiyaatti baqachaa jiraachuusaanii Oromiyaa Miidiyaa Neetiwoorkiin barattoota achii dubbisuun gabaaseera. Akka gabaasa kanaatti, barattoonni 6 hanga ammaatti kan du’an yoo ta’u, baratoonni 80 ol miidhaa irra dhaqqabeen hospitaalaa seenuusaanii barataan OMN dubbise himeera.

    Oduu gara biraatiin, Uummanni Oromoo biyya alaa jiranis, ummaata mootummaa Wayyaanneetiin ajjeefaman sirna dungoo qabsiisuun yaadachaa jiran. Biyyoota addunyaa hunda keessatti gocha Wayaanneen uummata Oromoo irraan gahaa jirtu kana hadheefatanii mormaa jiru. Akkasumas hiriira mormii addunyaa hunda waliin gahu guddaa qopheessuuf qophaa’aa jiraachuusaanii OMN gabasee jira.

    Miidiyaaleen addunyas gocha Wayyaanneen Ummanata Oromoorraan gahaa jiru kana wal-harkaa fuudhuun gabaasaa jiru. Akka gabaasa BBC tti laakkofsi uummata Oromoo Mootummaan ajjeefamaa jiran 40 gaheera. Imbaasiiwwaan biyyoota gara garaa kan Finfinnee keessatti argamanis, sodaa qabanirraa kan ka’een lammiin isaanii gara Oromiyaa yoo seenee ajjeefamuu waan maluuf akka hin seenne akeekkachiisaniiru. See: http://www.yaadannoogaazexeessaa.blogspot.com for more information.

Leave a reply to Daniel Bariisoo Areerii Cancel reply