Sabboontotni Barattoota Oromoo Godina Horroo Guduruu mana barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi bakkoota adda addaatti FDG itti fufaa oolan.

Ebla 30,2014 Shambuu

Qeerroo OromiyaaMootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo fi barattoota Ormoo mana hidhaatti ajjeesaa, hidhaa, barnoota irraa arii’aa fi doorsisaa kan as gahe Godian Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa barattoota Oromoo mana hidhaatti Ukkaamse. Barattootni Oromoo Mana barumsaa Aliboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa Ukkaamsaman 6 yoommuu tahan kanneen keessaa

  1. ‘Barataa Galaanaa Namoomsaa Kutaa 11ffaa
  2. Badhaasaa Kabaa Kutaa11ffaa

Keessaa keessatti argamu. Barattootni Kunneen waajjira Poolisii aanaa keessatti Ukkaamsamuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas Qorannoodhaan dararama jabaa keessatti argamu. Mootummaa wayyaanee garboomfataa irraa waan gaarii eeguun barbaachisaa waan hin taaneef Barattootni gamtaan Amuruu, Jaardagaa, Saqalaa fi Shaambuu tahuun gamtaan falmanna jechuun  Qeerroon magaala Aliiboo waamicha Oromummaa dabarsee jira.

1 thought on “Sabboontotni Barattoota Oromoo Godina Horroo Guduruu mana barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi bakkoota adda addaatti FDG itti fufaa oolan.

Leave a reply to Tolashi Cancel reply