Ebla 30,2014 Shambuu
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo fi barattoota Ormoo mana hidhaatti ajjeesaa, hidhaa, barnoota irraa arii’aa fi doorsisaa kan as gahe Godian Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa barattoota Oromoo mana hidhaatti Ukkaamse. Barattootni Oromoo Mana barumsaa Aliboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa Ukkaamsaman 6 yoommuu tahan kanneen keessaa
- ‘Barataa Galaanaa Namoomsaa Kutaa 11ffaa
- Badhaasaa Kabaa Kutaa11ffaa
Keessaa keessatti argamu. Barattootni Kunneen waajjira Poolisii aanaa keessatti Ukkaamsamuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas Qorannoodhaan dararama jabaa keessatti argamu. Mootummaa wayyaanee garboomfataa irraa waan gaarii eeguun barbaachisaa waan hin taaneef Barattootni gamtaan Amuruu, Jaardagaa, Saqalaa fi Shaambuu tahuun gamtaan falmanna jechuun Qeerroon magaala Aliiboo waamicha Oromummaa dabarsee jira.
Dhiigni daa’imman margaa haafalmatu!!!!!!!!!!,
sagaleen uummataa haa’iyyu