BREAKING NEWS :- Gaaffii Deebii Barattoota Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 28 2014
Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaatee itti fufuun Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessattis dho’e
Gaaffiin abb
aa biyyummaa daran jabaachuun kan itti fufe Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa itti fufan. Gaaffii keenya gaaffii bilisummaati, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman jechuun kan itti fufan Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa mootummaan wayyaanee dhiphina keessa akka seenu taasisee jira. Oromiyaan bu’aa addaa magaala Finfinnee irraa argachuu qabdi kan jedhu osoo hin mirkanfamiin Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuuf sochiin eegalame dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessee jira. Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafatamaniif deebisa kennuu kan dadhabde Yuunivarsiitiiwwan keessatti waraana kumaatamaan bobbaasuun rasaasaa fi uleen dura dhaabbachuu irratti argamti. Mootummaan wayyaanee bara dhufaa darbaa keessatti Uummata Oromoo saamaa fi hidhaa kan ture hundeen buqqa’uu qaba jechuun Qeerroon bakka maraa ejjennoo tokkoon itti fufuun Uummatni maatiin barattootaa gamtaan akka ka’an Qeerroon Yuunivarsiitii Bulee Horaa dhaamsa Oromummaa dabarfatanii jiran.
Sochiin kun Oromiyaa keessatti qofa osoo hin taane, biyya ollaa Oromiyaa jira(MN kaanii) keessattilee ka’uun irra jiraata!!
mirgi abbaa biyyummaa oromoof kabajamuu qaba kan jedhuun marti dammaquu qabna
Pingback: FDG Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu fi Yuuniversitii Bulee Horaa,Akkasumas Naqamtee Keessatti Daran Jabaate! | QEERROO | OromiaTimes