Qophiilee OMN Bitootessa 6, 2014

5 thoughts on “Qophiilee OMN Bitootessa 6, 2014

  1. Saba koo

    Garaa kee guutuu dhaaf diinatti michoomtee,
    Alagaatti galtee,garaa har’aaf jettee,
    Namummaa fi lammummaa saba kee dagattee,
    Warroonni qomoo koo dararuuf murattee,
    Ijji kee hin garree aduu sitti dhiitee,
    Garaa alagaadhaaf saba si dagsiiftee,
    Kan darbe irraa baruu qalbiin kee dagattee,
    Diina waraanuu qabdu fira taasifattee,
    Qomoo qoma kankee,waraanuuf kutattee,
    Qabsaayaa fi qabsooftuu gufuu itti taatee,
    Icciitii saba koo alagaadhaaf laattee,
    Of duuba hin ilaallee,diina firoomfattee,
    Ajjeechaa qomoo kee,beekumsaa godhattee,
    Seenaa dagachuudhaan dhugaa afaan teettee,
    Eessa akka jirtuu fi eessaa akka baatee,
    Eenyuu irraa akka baatee fi eenyuun akka taatee,
    Biddeenni alagaa sunuu eessaa dhuftee,
    Tan firaa fi firiyyoo tee si wallaalchistee,
    Dhiiga lammii keetii ta’uu maaf dagattee,
    Tasallee hin yaadanne,foon kee ofirraa murtee,
    Har’uma dammaqii,kaleessi dabartee!!!

    Hayyoota qomoo koo,bakkayyuu jabadhaa,
    Wallaalaa fi jarjaraa keenya nuu gorfadhaa,
    Afaan tokko ta’aa wal moggaa dhaabadhaa,
    Alagaa osoo hin taane,ofii wal yaadadhaa,
    Diinni yoomuu diinaa,irrumaa fagaadhaa,
    Gamtaa tokko ta’aa harka wal qabadhaa,
    Abdii hin kutatinaa carraan keenya baldhaa,
    Nuti tokko taanaan bilisni dhiyoo dhaa,
    Cumaa diina keenyaa,gad naquuf muradhaa,
    Bilisummaa keenyaaf alagaa falmadhaa,
    Oromiyaa baldhoo,bilisoomsuu fedhaa!!!

    Sabaa koo Oromoo mee yaada naaf laadhaa,

    Furmaanni BILISUMMAA yoomuu TOKKUMMAA dhaa,

    Yoo dogoggorellee dhiifama naaf godhaa,

    Na baruu barbaannaan Abdii Baalee Oromiyaa jedhaa,

    Hanga yeroo biraatti nagaan naaf jiraadhaa!!!!

  2. Akkam nagaa jirtuu sabboontonni sabaa,
    Hambaan goottan biyyaa,Oromoo jalqabaa,
    Hambaan Waaqoo Guutuu,goota diina jibbaa,
    Sanyiin goota keenya,akka Abishee Garbaa!!!
    Saba koo,Oromoo,mee wal haa yaadannuu,
    Rakkataa fi qabsaayaa keenya haa tumsinuu,
    Barattoota keenya bira haa dhaabbannuu,
    Guma nyaachuu dhiifnee,dhiiga haa deeffannuu!!!
    Siidaa Minilikii hundeen haa buqqifnuu,
    Firooma Habashaa,bakkayyuu haa dhaabnuu,
    Sanyii bineensotaa Finfinnee haa yaafnuu!!!
    Ee waa hundumaafuu sochii haa jabaannuu,
    Dhalaa fi dhiiraan kaanee diina haa falmannuu,
    Wal tuffachuu dhiifnee nam-tokko haa taanuu,
    Nuti ofii wal taanaan Bilisoomnuu hin dhabnuu!!!

    Qilleensi Ameerikaa irraa gad bubbisee,
    Oromoota baay’ee waan hedduun dubbisee,
    Awurooppaa naannawee Eeshisaas sochoosee,
    Awustiraaliyaas sabboontuu ol baasee,
    Oromoon jiraachuu addunyaatti garsiise,
    Hanna Ethiopia ifatti ol baasee,
    Diinota Oromoo heddu rifachiisee,
    Jawaar sabboonticha jedhi jechisiisee,
    OROMO first jedhe ifatti addeessee,
    Ani siif jira jedhe Abdiinis ol kaasee,
    Waayee keenya irraa addunyaan odeessee,
    Hayyoota Oromoo hedduu lafaa kaasee,
    Hamba Minilikii xiiqitti seensisee,
    Teedii warabeessa ija keesaa jaamsee,
    Oromiyaa seenee DhDUO dammaqsee,
    Sochii gootowwanii daran nuuf jabeessee,
    Wal argaa Oromoo OMN baasee,
    Akkanaan Oromoon gurra walii caqasee,
    Dhibee fi dhibdee diinaa,falmachuuf kakaasee!!!

Leave a reply to abdibale Cancel reply