Lafti Oromoo Magaala Finfinnee keessaa Amaariffaan waamaman akka Afaan Oromoon hatattamaan sirreeffaman waajjirri KG OPDO iyyaannoo galche

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 14,2014

Mormiin sirna mootummaa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun magaala Finfinnee keessatti naannoowwan maqaa Amaariffaa fi bakkee dhufee hin beekamne akka deebiee afaan Oromoon sirratu bakkeewwan biros kanneen lafa Oromoon jijjiiraman akka deebianii sirreeffaman waajjirri KG OPDO waajjira bulchinsa lafaa iyyannoo galche. Mootummaan wayyaanee haala kanaan hedduu dhiphina keessa seenee deebii itti kennuuf waltajjii balaa akka barbaadu dhaamuun deebisanis Uummatni Oromoo qabeenyaa fi lafa isaa irratti kanaa ol obsa akka hin qabaanne jala sararuun itti dhaamuun gaaffii karaa nagaa gaafatameef karaa nagaa hin deebistan taanaan itti gaafatama kan qabaatu wayyaanee akka tahes dhaamamee jira. Uummatni Oromoo martu gamtaan waan isaa gamtaan falmachuuf akka kau dhaamsi hatattamaas darbee jira. Armaan duras wayyaaneen lafa naannawa Finfinnee mootummaa federaalaa jala galchuuf tattaaffii taasisaa turuun ishee ni yaadatama.

3 thoughts on “Lafti Oromoo Magaala Finfinnee keessaa Amaariffaan waamaman akka Afaan Oromoon hatattamaan sirreeffaman waajjirri KG OPDO iyyaannoo galche

  1. Pingback: Lafti Oromoo Magaala Finfinnee keessaa Amaariffaan waamaman akka Afaan Oromoon hatattamaan sirreeffaman waajjirri KG OPDO iyyaannoo galche | Dhaamsa Ogeettii

  2. Gabaasa waa’ee mogaasni maqaa magaalaa Finfinnee keessaa Amaariffan ture akka maqaasa duratti deebi’uuf KG OPDO gaafate kan jedhu kun hangam dhugaa dha.

  3. Tokkummaan kaanee yoo qabsoofe aarqota gabrummaa wayyaanee of irraa cabsinee bilisummaa gonfachuu dandeenya.
    Dhaamsa ilmaan Oromootaa maraaf:- Qabsoo mirga keessatti tokkummaan angafaa fi humna waan ta’eef Bahaa fi Lixaan, Kaabaa fi Kibbaan wal qooduu dhiifnee tokkummaan ni milkoofna. Kanaaf tokko taanee haa kaanu! Gadaan gadaa bilisummaa nuuf haa godhu Rabbi.

Leave a reply to Hawwaa Bilisummaa Cancel reply