Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa,

Abdii Baalee Irra Oromiya

Saba koo Oromoo kan dhalaa fi dhiiraa,

Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa,

Keessaayyuu dargaggoon kan dubraa fi dardaraa,

Harka wal qabadhaa wal wajjiin hiriiraa,

Gabroomsaa dullacha ofirraa jijjiirraa,

Aduun nuu bahuufii,dukkannii deemaaraa,

Warri dhugaa dhokse nurraa fottoqaaraa,

Tokkummaa jabeessaa bakka jirtan maraa

Leave a comment