Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti uummatni diddaa kaasuun gabaafame.

Sadaasa 22,2013 Haromaya

Uummatni Oromoo guyyaan itti mootummaa Wayyaanee fi sirna isaaf bitame jedhee bule mul’atee hin beeku. Yeroodhaa gara yerootti diddaan hedduu jabaachaa deemuun as gahe. Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa magaala Haramaayaa fi Awwadaay keessattis uummatni Oromoo gamtaan sirna mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jira. Mootummaan Wayyaanee isin miseensota ABO ukkaamsitanii jirtu maqaa jedhuun uummata Oromoo hiraarsuu fi sakatta’uu kan eegale dura dhaabbachuun uummatni gamtaan sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa jira. Konkolaatawwwan magaalaa keessattis basaastotnii fi jala deemtotni Wayyaanee geejiba akka hin arganne uummatni dhorkuun diddaa jabaa gaggeessaa jiran. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessattis gaaffiin dabalinsa miindaa jabaachuun mootummaa wayyaanee dhiphina jabaa keessa seensisee jira. Jala deemtotnii fi amanamtootni Wayyaanee yeroo dheeraas qaala’insa jireenyaa isaan mudate irraa uummata waliin dabalinsa miindaa gaafachuuf dirqamamanii jiran.

1 thought on “Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti uummatni diddaa kaasuun gabaafame.

  1. Godina Adda naanno finfine ona sululta keesaati amanamtoti opdo yeroo dheraaf opdo gargara turan muraasni sabontota oromooti makamun gaafi mirgaa godinatti dhiyeefatan. Kunis: rakko bulchinsaa, daballi mindaa, hojjatan mootuma dararaa adda addaa keesa jiraachuu fi kkf irrati ture.

Leave a reply to Abdi Cancel reply