Onkololeessa 2,2013 Finfinnee
Uummatni Oromoo aadaa, seenaa, amantii fi duudhaa isaa tikfachuuf haala yeroo kamuu olitti xiyyeeffannoon irratti hojjetaa jira. Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti irreechi fulbaana 2013 diddaawwan garaa garaa fi dhaamsa walii dabarsuun ayyaaneffatamee jira. Mootummaan Wayyaanee aadaa fi seenaan ilmaan Oromoo akka hin guddanne tattaaffii jabaa kan godhu aanaa kana keessattis lukkeewwan isaa bobbaasuun dura dhaabbachuuf yaalii godhus dargaggootni Oromoo aadaa fi duudhaa keenya dura hin dhaabbatiinaa jechuun irreeffatamee jira. Jaleewwan mootummaa wayyaanee tokkummaa uummatni oromoo ilmaan isaa waliin qabutti dhiphatee jira. Dargaggootni Oromoos ayyaana kana irrattis walleewwan warraaqsaa nuyi ilmaan oromoodha habashaa hin barbaadnu, Oromoon leencuma duruu,.. jedhanii fi kanneen kana fakkaatan sirbuun gootawwan Oromoo faarsuun diina dhiphisanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Godinuma shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa keessattis irreechi dhaamsa walii dhaamuun irreeffatame. Aanaa kana keessattis dargaggootni maanguddoota waliin marii dhimma oromummaa irratti taasisuun ayyaaneffatamee jira. Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaanni irreechaa sabboontota hedduun Godina shawaa lixaa keessattis ayyeeffatamuun shira mootummaa wayyaaneen aadaa fi duudhaa ukkaamsaa ture irra aanuun dargaggootni Oromoo dhaammata Oromoo walii dabarsaa ayyeeneffataa jira.
Akkana kunoo yo sossohan.odaa jalatti walgahaaa saaaraa oromiya irra balladhaa iftahaa dubbadhaa.waan oromo jaabeeffadhaa. walkeessa jiraadhaa .garaa oromtichaa goshaa dubartitii keessa dhokadhaa .iciti jabessaa diinan oromoo summi itti tahaa lafarraa .ballecha.waldhuuunfadhaa.waldukfadhaw.dantaa tokkitti oromo irratti wa’ada seenaa walii
Pingback: Ayyaanni Irreechaa Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti diddaa qeerroo hammachuun irreeffatame | YOUR FREEDOM VOICE