Barruuleen Warraaqsaa fi dhaadannoo Magaalota Oromiyaa Garaagaraa fi Finfinnee Keessatti Maxxanfaman.

Fulbaana 12,2013 Finfinnee

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Diimokiraasii fi Bilisummaa(Qeerroo)
Akkuma beekamu yeroo ammaa Wayyaaneen barri bittaa isheetii waan xumuramuu jala gaheef ilmaan Oromoo yakka tokko malee gaafatama seeraa jala kan jiranis ajjeesuudhaan qabeenyaa uummata Oromoo saamuu; hidhaa garmalee ariyatamuu manneen barnootaa irraa addumatti ilmaan Oromoo irratti akka raawwataa jirtu beekamaa fi ifa kan taheedha. Haalli gocha wayyaanee kanaa biyya keessatti yeroo ilaalamu guyyuudhaan kan dabalaa deemuudha miidhaan Oromoo irra gahaa jiru kuni. Sababa kanaan wal qabatee kakaumsa uummata oromoo fi barattoota akkasuma bara mootummaa wayyaanee kanatti xumura itti gochuuf Qeerroon Bilisummaa waraqaalee adda addaa dhaadannoo fi kkf magaalaa Finfinnee Yuuniversitii,koollejjii,manneen barnootaa fi dhaabbata adda addaatti maxxansaa tureera,akkasuma waamichi qabsoo godhamaa tureera, magaalaa Finfinnee qofa keessatti osoo hin taanee godinaalee addaa naannawwaa Finfinneettis kan raabsamee fi maxxanfamaa tureedha.
Kunis mootummaa Wayyaanee kan yaaddeesse tahuudhaan hidhamuun uummataa jabaatee kan itti fufaa jiruudha. Kun ammallee Qeerroo Bilisummaa boodatti kan hin jechisiisne itti fufuudhaan waraqaaleen hanga gandaatti, mana barumsaatti,hawaasa Oromoo gidduutti jijjiiramni tokko akka tahuuf ergamee akka maxxanfamu dhaamsa dabarfamee jira,sochiin gama hundaan jiru qabsoo jabeessee kan itti fufsiisaa jiruudha. Waraabbiin kan nun geenye godinaalee adda addaa kanneen akka Qellem,Shawwaa Bahaa,Harargee keessattis waraqoonni hedduun maxxanfamanii akka jiran gabaasaan nu gahaa jira. Waraabbiwwan jiran wal duraa duubaan gara fuula duraatti ni maxxansina. kanaa gaditti kan argamuudha.

6 thoughts on “Barruuleen Warraaqsaa fi dhaadannoo Magaalota Oromiyaa Garaagaraa fi Finfinnee Keessatti Maxxanfaman.

  1. Pingback: Waraabbii Maxxanfamootaa Waraqaalee dhaadannoo « QEERROO

  2. Jabaadhaa. Akkana kunoo dhaamsi. Qabsaawooni dhaammatan qabsaawaan jufus qabsoon itti fufa kan jedhan kana.dhiigni qabsaawoota keenyaa fi sab boontoota dhiigaa fi lafee ilmaan isaaniitiin bilisummaa,walabummaa mirga abbaa biyyuu ni goffachiisan

  3. Qeerroo members pravo!Don’t give up to enemy of us ‘woyane’. Go ahead up to bilisummaa.yoo qeerroo malee maaltu bilisummaa sabaa fida!

  4. Wonderful!! Qabsa’aan nikufa qabsoon itti fufa!! ajjeechaan Tesfahun gootota akka keesanii meeqa akka uumu hin beektu diinni keenya

  5. Barruuleen warraaqsaa fi dhaadannoon QEERRODHAAN OROMIYAA bal’oo keessatti bakka adda addaatti bittinfameefi maxxanfame kuni injifannoodha uummata oromoofi Oromoo jaalataniif, diinaaf ammoo kasaaraa cimaa ,rifaatuu guddaafi mataa dhukkubbii cimaadha.

    HAR’AS TA’EE BORU QEERRON ABDII OROMOO FI OROMIYAATI..!!!

  6. Goota Oromoo ! Fuulduratti ! TPLF hamajaajiin ilmaan Oromoo qabsoo keessaniin hanga barbadooftutti itti fufaa ! Gammachuun keenya guddaadha ! Fiixaan bahiinsa qabsoo bilisummaa keenyaaf waan hunda gochuudhaan isin cina jirra !!!

Leave a reply to Simale2013 Cancel reply