Miseensotiin ABO Biyya Ameerikaa fi Kanaadaa Jiraatan ABO Jabeessuuf Ejjennoo Cimaa Fudhatan

abo

KORRI GAMTAA MISEENSOTA ABO KUTAALEE  AMERIKAA FI KANAADAA ADOOLESSA 04- 05, 2013 TI MAGAALAALEE LAKKUU  MINISOOTAATTI  KEESSATTI GEGGEEFAMAA TURE  MILKIII FI INJIFANNOON XUMURAME.

Nuti miseensotni ABO kutaa Kanaadaa fi Amerikaa  walitti dhufnee kora gamtaa  bakka tokkotti geggeeffanne  kora kana irratti ibsa hoggana  ABO irraa  haala yeroo dhimmoota QBO, haala jaarmiyaa fi siyaasaa ,haala sochii WBO, haala sochii Qeerroo biyya keessaa fi haala yeroo ammaa QBO keessa jiru akkasumas dhimmoota hawaasa keenya biyya keessatti diinaan iraarfamaa jiru irratti ibsi bala`aa fi ifaa ta`e  hogganoota keenyarraa  nuuf kenname irratti hundoofnee  gaaffii fi deebii erga  geggeeffanneen  duuba  haalaa fi akkaataa  gara fuula duraatti Qabsoo hidhannoo jabeessinee itti fufuu qabnuu fi  WBO jabeessuuf I  cimsuu, Dhaaba keenya ABO  fi jaarmiyaa keenya biyya keessaa fi alaan  jabeessuu fi  ijaaruu irratti  marii bal`aa geggeeffachuun Korri  gamtaa ibsa ejjennoo   armaan gadii  baafachuun milkii fi injifannoon xumuranne:

  1. Sirna bittaa mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee   ofirraa kaasuuf   filmaanni tokkichaan jiru Qabsoo hidhannoo cimsinee itti fufuu ta`uu  korri kun sagalee tokkoon murteeffanne.
  2. WBO bifaa fi sadarkaan  ijaarree  cimiisuun  murteessaa fi fardii ta`uu isaa  korri kun erga mariyateen  booda waan barbaachisu hundaan  bira dhaabbachuun hanga QBO  ABO durfamtu bilisummaan fiixa baatutti waan  dandeenyu maraan  bira ni dhaabbanna.
  3.  Jaarmiyaa keenya jabeessuu fi cimsuuf  sadarkaa QBO amma irra  jiru irraa gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf murannoo fi kutannoon  hojjechuun qabsoo fiixaan baasuuf murteeffanneerra.
  4.  Sochii qeerroon Oromoo biyya keessatti geggeessaa jiru dinqisiifataa barattootni, Barsiisotni, Qotee bulaan, Daldalaan, hojjetaan  Oromoo , Hayyootnii fi beektotni, Shammaranii fi Dargaggoon  Oromoo Sirna  gabroofataa Mootumma wayyaanee ofirraa  fonqolchitee Biyya keerratti abbaa  biyyummaa  keetii mirkaneeffachuuf gamtaa fi gurmuun kaatee QBO tti akka dirmattuu fi Sochii Qeeroo  waliin akka  hiriirtu waamchi lammummaa isiniif dhaamna.
  5.  Ilmaan Oromoo kanneen Mootummaa Gabroofataa waliin  hojjetaa jjrtan, Humna Poolisaa, Humna waraanaa fi hojii addaa addaa keessa  hojjetaa jirtan, Haalli yeroo ammaa  mootummaan Itiyoophiyaa/Wayyaanee  unmmata Oromoorratti  hidhaa fi ajjeechaa  daangaa hin qabne  geggeessaa jiru kan  saba keenya Hundeen dhabamsiisuuf  saganteeffatee  hoijjetaa  jiru ta`uu hubattanii QBOtti makamuun ga`ee   keessan akka baatan dhaamsa lammummaa fi Oromummaa isiniif dabarisna.
  6.  Shira Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo fi  saboota qubsumaan ollaa Oromiyaa   jiran walitti buusuun  tasgabbiin akka  hin  uumamne godhaa jirtu itti dammaqxani  wal dhabbii  fedhe kamiyyuu akkuma aadaatti sirna  ilaa fi ilaameen akka  hiikamuu fi ollummaa gaarii fi nagaan akka waliin  jiraattan  jabeessinee isiniif dhaamna.
  7.  Dhumaatii Ilmaan Oromoo Godina baha Oromiyaa  naannoolee adda addaa qubatani jiran irratti duula shanyii duguuggii  humna addaa mootummaan Wayyaanee  bobbaaseen raawwatamaa jiru  jabeesinee   balaaleffanna. Llubbuu ummata keenya galaafatamee fi qabeenyaa saamame  maraaf  kan  itti gaafatamuu fi yakkamu mootummaa Itoophiyaa/wayyaanee ta`uu isaa  jabeesinee hubachiisna.
  8.  Maqaa Investment  fi gurgurtaa  lafaa/dachiitiin  Qotee bulaa Oromoo  qa’ee isaarraa  buqqisuun akka hatattamaan dhaabbatu Jabeessinee  gaafanna.
  9. Ilmaan Oromoo kanneen gidiraa mootummaa Wayyaanee dheessuun biyyoota adda addaatti baqatanii  jiran irratti roorroo raawwatamaa jiru ni balaaleffanna. Mootummoon itti baqataniis akka mirga baqattummaa isaanii kabajan gaafanna.
  10. Gochaa diinummaa  Mootummaan Itiiyoophiyaa/wayyaanee  ummata Oromoo irratti  gaggeessaa   jirtu  sadarkaa  duguuggii shanyiitti kan  tilmaamamu jannee waan amannuuf  Mootummootaa fi  hawaasni addunyaa  falmaa ummatni  keenya  mirga isaatiif geggeessaa jiran bira akka dhaabbattan sagalee tokkoon waamicha goona.
  11. Biyyootni fi sabootni  ollaa Oromiyaa martinu Sabni Oromoo saba nagaa barbaadu fi mirga namuu kan hin tuxyne tahuu hubatanii, akka qabsoo/sochii mootummaa nama nyaataa kana irratti gochaa jiru bira dhaabbatan waamicha goona.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Kora Gamtaa  Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa fi Amerikaa.

Adoolessa 2013.

1 thought on “Miseensotiin ABO Biyya Ameerikaa fi Kanaadaa Jiraatan ABO Jabeessuuf Ejjennoo Cimaa Fudhatan

  1. osoo ta’ee akkam gaarii ture. Lagaan wal qooduu fi naannummaa dhiisuun qabsoo oromoo gaaddisa tokko jalatti gurmeessuun barootaaf abjuu fi hawwii ta’ee hafeera. bara baraan ni dhaadanna, ni kakanna, garuu hojiin hin mul’atu. Dhaadannoo fi ibsi ejjennoo aangoo hin fidu. qabsoo raawwiin mul’atutu barbaachisa.

Leave a reply to fayisa Cancel reply