Waxabajjii 08,2013 Haromaayaa
Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeeffamaa jiru keessatti qoodni shamarranii murteessa tahuu kan hubatame shamarran Godina Harargee bahaa magaala Haramaayaa fi Awwadaay walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii jabaa gaggeessan.Shamarran oromoo maadhee Urjii bahaa lakkoofsa 1,2 fi3 walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gad jabaa gaggeessuun gaaffii mirgaa qeerroon gaggeessuutti jiru keessatti qooda olaanaan akka isaan irraa eegamu lafa kaaanii jiran.Mootummaan garboomfataa wayyaanee haala kamuu keessatti dhiibbaa ilmaan oromoo irratti jabeessaa kan jiru ilmaan oromoo gamtaan dura dhaabbachuu qabna jechuun murteessatanii ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawatanii jiran.
1. Dhiibbaa mootummaan wayyaanee gaggeessu dura haala kamuu keessatti ni dhaabbanna
2. Hidhaa fi ajjeechaa,saaminsaa fi qeee irraa ariiuu ni mormina
3. Qooda oromummaa nurraa eegamu ni baana
4. Shamarran oromoo golee oromiyaa mara waliin tahuun qabsoo ni finiinsina
5. Murna dhaaba oromoo jechuun sagantaa siyaasaa jijjiiruun gad of baasuu fi Itoophiyaa ijaaru dura ni dhaabbanna
6. Rakkattootaa fi maanguddoota oromoo ni gargaarra
7. Amaleeffata gadhee fi jireenya hawaasummaa balleessaa kan jiran suusiiwwan adda addaa irraa dargaggootni oromoo akka of qusatan ni hojjenna
8. WBO cinaa ni hiriirra,qooda keenyas ni baana
Kanneen jedhan lafa kaawatanii jiran.Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqauttis qabsoo galmaan gahuuf kan hojjetan tahuu irbuu walii seenuun milkiin raawwatanii jiran.