Gabaasaa godina addaa naannoo Finfinnee ona Akaakoo irraa ibsuun Bitootessa 31 barattoota kutaa 8ffaa keessaa nama sadii,kutaa 6ffaa keessaa nama 4 ergamtoota Wayyaaneen qabamanii hidhamuu fi gaaffii irraan gahaa jiraachuu gabaasaan addeessa. Kanaaf sababa kan tahe inni guddaan Bitootessa gaafa 28 waraqaan dhaadannoo mana barumsaa aanaa kanaa fi mana sagadaa amantaa ortodoksii Maariyaam jedhu cinatti “Gabroomuun Haa Dhaabbatu??,Wayyaaneen Kan Nu Bittu Hanga Yoomittii? jedhuu fi waraqaan adda addaa bittimfamee jira. kana irratti hundaa’ees uummanni mootummaaaf hin ajajamu kan jedhu kaabinoonni ona sanaa mootummaa qaama isaan olitti gabaasaa dhiyeeffataniiru. Gama Uummata keessaa nama shakkan dhabuu irraan shakkii isaanii yeroon kan wal qabateen barattota kanneen kan shakkaman akka qoratamaniif qabamanii mana hidhaatti qorrannaan irratti gaggeeffamaa jira. Barattootni kunis: 1.Shimallis Goobanaa barataa kutaa 8ffaa
2.Haayluu Jigsaa barataa kutaa 8ffaa
3.Naatinaa’el Amsaaluu barataa kutaa 8ffaa
4.Solomon Buzaayyoo barataa kutaa 6ffaa
5.Geetachoo barataa kutaa 6ffaa
6.Nabiyyuu Duulaa barataa kutaa 6ffaa
7.Tolinaa Baayisaa barataa ku9taa 6ffaa
Kan tahanii fi barataan tokko kan hafe maqaa isaa ammatti waan hin aragatiniif hambisnee jirra. Barattootni kun kaleessa irraa ka’anii naannoo jiran irraa funaanamanii jiraachuu isaanii gabaasaan addeessa.
Kan isin hidhaa jirtu dargagoota Tigreeti isin ammoo dargaagoo oromooti akkamiin isin hiiti_
Isin dhiira miti
@Loluun yoomi…. Dhiirummaan sirrii dha, baay’ee barbaachisaa dha. Garuu onneen qabsaa’uu cinaatti toftaa ittiin qabsaa’an beekuun bu’aa argamu tolcha . Kanaafuu mala kana silaa itti himtee gaariidhan jedha.