Bitootessa 15,2013 Dirree Daawaa
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaaffiilee mirgaa ka’an dura dhaabbachuuf erga aangootti ol bahee doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbachuun sodaa nutti uumuu hin qabu gaaffii mirgaa gaafannee nuu kan hin deebine tahe hojii dhaabna jechuun barsiisotni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Engineering and Technology baay’inaan 28 tahan Bitootessa 14,2013 hojii dhaaban.
Gaaffiin mirgaa dabalinsa miindaa barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan armaan dura gaafatatame dhiibbaa mootummaan kan dura dhaabbatame yoommuu tahu barsiisotni Yuunivarsiitii kanaa gaaffiin keenya hanga akkaataa gaafannetti deebi’utti hojii hin hojjennu
jechuun hojii dhaabanii jiran.Wayyaaneen gaaffiilee mirgaa kan bilisummaa yeroodhaa gara yerootti karaa nagaan deebisuu irra hidhaa,ajjeechaa fi hojii irraa arii’uun hanga dhaabbatu hojii hin hojjennu jechuun hojii guutummaan dhaabanii jiran.
Barsiisotni Impaayera biyyattii keessaa waggaa dheeraaf gaaffii dabalinsa miindaa gaafatanis deebiin kennamuu irra doorsisaa fi hidhaan dura dhaabbatamaa ture.Hojii dhabdummaan biyyattii keessaa haalaan jabaachuunii fi qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti hammaachaa dhufeen wal qabachuun rakkoo jabaa tahee jira.
Waqayoon wayaane lafa irraa haa baleesa hidi ishee buqaúuti jira!
rabbiin guyyaa 1 qofa osoo aango oromoof kenne maal qaba?
maal jettu?
Yoomun anisi wamuu maa naa jalaa didee ofin offi dagatee osoon sitti bo’u maqaa jijirate bekaamoo wallalaa kan atti ofin jette senaa kee dagaattee warrii of gurgurte kan garaa arganaan kan maqaa dagatee imana abootii namni cabsee nyatee senaan si gafaa biftun ba’e