Gabaasa Qeerroo Gurraandhala 21,2013 Finfinnee
Mootummaan Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa inni godhu Oromummaa irratti hundaaee malee kun anaaf hojjeta.Kun meeshaa waraanaa naa baatee deema jedhee kan addaan qoodu tokkollee hin jiru.Haaluma kanaan wal qabatee doorsisa mootummaan Wayyaanee uummata irratti TV dhaan dhimma Raayyaa ittisa biyyaa irratti gaggeessaa ture jibbitanii jirtu,uummatni ija diinummaan akka ilaalu taasistanii jirtu kanaaf ilaalcha ABO qabdu jechuun ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa hojjetan mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo raayyaa ittisa biyyaa keessaa maqaa ABOn shakkamanii mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Efreem Abaataa
2. Jalduu Itichaa fi
3. Ziyaad Mohaammed
4. Habtaamuu
Jedhaman gaafa Guraandhala 17/2013 dhoksaan fudhatamuun bakka buuteen
isaanii dhibee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo hojii mootummaa
keessaas hojjetan irraa amanamtummaa kan dhabde yoommuu tahu kaan hojii
galata guddaa qabdu hujiin keessan kannama jajjabeessu isinis jajjabaadhaa.cimaa,dagaagaa.ijji hamtuun isin hin argin