Ummanni Magaalaa Finfinnee Kaardii Filannoo Fudhachuu Diduun Wayyaanee Yaaddesse.

Gurraandhala 10,2013 Finfinnee

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen uummataImpaayera biyyattii keessaa bifoota adda addaan yeroo goyyomsee karoora isaa fiixa baafachuuf tattafatu argamee jira. Yeroo ammaa kanas  rakkoon dinagdee,hawaasummaa fi siyaasaa karoora waggaa shanii keessatti furama jechuun “Transformation” maqaa jedhuun daldalaa turuu fi itti jiraachuun isaa waan ifa.Mootummaan wayyaanee karoora waggaa shanii kana keessatti hojjetamuun rakkoon uummataa furama jedhe keessatti rakkoon daran jabaate malee takkaa himaas hin hiri’isne.Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessatti hammaachuun sukkaarrii fi Zayitni gabaa irraa dhabamuun uummatni rakkoo keessa daran kan bu’e erga mootummaan Wayyaanee uummataaf waadaa galeeti.Dargaggootni biyyattii keessatti hojii dhabdummaan rakkatan daran bay’achaa dhufuun hojii dhabdummaadhaan Biyyattiin sadarkaa olaannaatti kan mul’attes erga Wayyaaneen waadaa kana seeneeti.Rakkoon geejibaa biyyattii keessatti furamuun uummatni rakkoo geejibaa gatii madaalawaan akka argatus waadaa wayyaaneen TV fi raadiyoo isaan uummata gowwoomsuuf waadaa seene ture.

Yeroo ammaa kana garuu biyyattii keessatti keessumaa Magaala Finfinnee keessatti rakkoon geejibaa daran jabaachaa dhufuun uummatni gaaffii mirgaa gaafachaa jira.Uummatni gara hojiitti deemuu fi gara manaatti deebi’uuf baasii duraa irratti dabalataan kaffaluu irraan darbee konkolaataa ittiin deemu argachuuf yeroo dheeraa gubuun rakkamaa jira.Wayita qaala’insi jireenyaa biyyattii keessatti uummata muddaa jirutti uummatni biyyattii hirriba malee fi boqonnaa malee hojjechuu wayita qabu rakkoo geejibaan jireenya isaa dhiibuu dadhabee jira.Gaaffiin uummatni gaafachaa jirus wayyaanee waan yaaddesseef wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti humna waraanaa uummata keessa bobbaasuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachaa jira.Uummatni magaala Finfinnees mormii isaa jabeessuun kaardii filannoo didaa jira.Wayyaaneenis mana irra deemuun duula ‘’Kaardii fudhaa!’’ itti jirti.

 

 

2 thoughts on “Ummanni Magaalaa Finfinnee Kaardii Filannoo Fudhachuu Diduun Wayyaanee Yaaddesse.

  1. jalqabuma waayyaanneen filannoodhaan aangoo qabate osoo hin taane humna waraanaa tti fayyadamee ti. utuu waraqaan filannoo gatii qaba ta’ee bara 1997 raawwateef ture.fakkeessuuf ykn uummata addunyaa ittiin gowwomsuuf yoo ta’e malee walumaa galatti Afiriikaa keessa filannoo sirriin hin jiru.kanaaf kan humnaan aangoo qabate kaardii filannoon aangoorraa bu’a jedhanii yaaduun of gowwomsuu dha.

  2. nannolee oromiyaa guuttu keessatii Ummanni oromoo akkumaa amma duurati kardii fudhachuu diduun mottoumma abba irraa kan yaachisuti jiraa garu haa tahu malee akumaa aman duraa dirqqin fusiisaa turaniti ummatta amassa dirqiisisuti jiraa .ummani oromoo bakka isaan buufata kardii irraa hiraana ykn irraa rabbasan demmani fudhachu dinaa mana isaaniraa yaani hirrutii jiraa ajibaa garuu opd ummataa oromo kana malif akka dirqiidhan dinafa saggale isaani kenisisuu barabaduu malif ?hoo nutu gagaroommane isinisii gabaroomoa umatana jechuudha miti

Leave a reply to ademmisoma Cancel reply