Godina Wallagga Bahaa Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufe

Amajjii 26,2013 Naqamte

Tapha dheengaddaa Afirikaa Kibbaatti Itoopiyaa fi Zaambiyaa gidduutti taphatamee ilaalchisuun sabboontotni Oromoo Afirikaa Kibbaa irraa Alaabaa ABO olkaasuun Addunyaa fi Ummataa Oromoo biyyaa Ambaa fi Biyyaa keessaatti argisiisuun Abdii kan nuf kennuudha jechuun Qeerroon dargaggotaa Oromoo Godina Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Haroo Limmuu, Heebantuu, Giddaa fi Limmuu Galiilaa keessaatti Sibaan ABO farsuu fi kayyoo motummaa abbaa irree dura dhaabbaachuu jabeessaani itti fufaan, Mootummaan Wayyaanees sochii Qeerroo kanatti kan rifatee humna poolisaa dargaggotaatti bobbaasuun qabee hidhuuf yaaliin godhamee irree qeerroon fashalaa’ee, keessaattu Onaa Limmuu galiilaatti Poolisonnii baratoota qabuuf bobbafaman kan nama Naasir Alemuu nama jedhamuun hogganaman baratootni fi dargaggonnii wal ta’uun dagaan reebanii of irraa deebisaan, keessaattu nama Naasir Alemuu jedhamuu kanaa humnaa ol madeessuun gabafame, haalumaa walfakkaatuun Onaa Haroo Limmuutti poolisonnii maqaan isaanii 1. Alemuu Biiftuu, fi 2,Tafarii Misganaa jedhamaan ilmaan Oromoo adamsanii qabanii Hidhuuf kan bobbaa’an irree qeerroon reebamuun gabasamera, Gutummaa Godinaa Wallaaggaa Bahaa keessaatti Wayyaaneen karaa jala deemtotaa ishee maqaa Misoomaatiin ba’atii Daagaa[ittisaa biyyee] Qotaa jechuun yaadaa Ummataa gara dabarsuuf yaaliin wayyaanotaan karoorfamee ummaannii fudhachuu diduun Ummaanni Oromoo Ajajaa Wayyaanee fi Jalaa deemtotaa ishee irraa darbuu hin fudhannuu jechuun Sirna waayyaanee balaaleffaachuu cimsee kan jiruu ta’uun gabaafamera, abbaan irree diddaa ummataa kanatti rifachuun humna poolisaa ummatatti bobbaasee uummataa dirqamaan akka baasaa jiruu fi uumataa nagaa poolisaan reeba kan jiruu ta’uun gabafamera. Onaa Haaroo Limmuutti dargaggoonni maqaan isani 1,Qalbeessaa Ayyaalaa, 2, Haile Biftuu fi 3,Misgaanaa Namaaruu jedhaman Ummaannii akka inni Mootummaaf hin ajjajamnee fi kaardii filaannoo hin fudhannee dhorkitaan jechuun Poolisaan kan reebaman ta’uun ibsamera, Kana malees diddaan Baratootaa Oromoo University Wallaaggaa itti fufee jira guyyaa har’aa baratootnii University Wallaaggaa Amantaa Muslimaa hordofaan dhiibbaa baratotaa Oromoo fi hordoftotaa amantaa muslimaa irratti university Berdar keessaatti torbee darbee keessaa geesifamaa turee mormuun Nyaataa dhaabanii jiruu, gutuummaan baratoota Oromoo fi hordoftootni amanta Musilimaa guuyyaa boruus cimsanii nyaataa dhaabuun akka mormii isaanii jabeessaan ibsatan.

1 thought on “Godina Wallagga Bahaa Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufe

Leave a comment