Amajjii 25,2013 Yaabelloo
Godina Booranaa Ona Yaabelloo irratti guyyaan ayyaana Horsiisee Bulaa akka federaalatti kan kabajamu har’aa fi bor; Amajjii 25 fi 27 akka tahu odeessa eengadda qeerroon dabarse irratti ni yaadatama. Akka gabaasaa Qeerroo Ona Yaabellotti ganama kana bakka wal argee gaggeeffama ayyaana kanaatti waraqaan adda addaa maxxanfameera, qaamolee wayyaanee olaanoon qaama Federaalaa irraa gara san deeman dursuudhaan dhaadannoo fi waraqaan alaabaa ABOn tolchamee galmaa fi naannoo sirni ayyaanaa kun itti gaggeefamutti maxxanfamee jira, kanneen bittimfamanis qophaayee uummataaf hiramaa jira,ammatti akka gabaasaa Qeerrootti waraqaan 520 ol raabsameera,kun dursee kan taheedha haala ittiin oolan akka nu gaheen dhaamaa deemna.
Jabaadhaa qeerroo booranaa naaf jedhaa.