Barttoota Oromoo Yuunversitii Wallaggaa

Amajjii 22,2012

Amajjii 21/2013 Kaleessa galgala Tapha kubbaa Milaa Afrikaa Kibbaatti Ethiopia fi Zaambia gidduutti taphatama turee irratti Alaabaan ABO Dirree kubbaa Miilaa keessaa bololi’uun Addunyaa fi Wayyaaneetti argisiifamuun uummaannii gammaachuun guutamee Dargaggoonnii fi Ummaannii Oromoo Godina Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Neqeemtee Halkaniin magaalaa keessaa naannaa’uun ” Korma Guduruu ABO Leencumaa Duruu” kanarraa maltuu dhufaa ilmii Oromoo fi Alaabaan Oromiyaa Addunyaa keessaa gulufaa” jechuun sirbaa kan buulan ta’uu Qeerroon gabaasee jira.

Galgaluma sanaa Baratootni Yuunivarsiitii Wallaaggaa gammachuun liqinfamanii iyyaa kan turaan ta’uu ibsuun mooraa yuunivarsiitii keessaa gara magaalaatti akka gadii hin baanee humna poolisaatiin kan dhorkamaa bulaan ta’uu Qeerroon gabaasee jira. kana malees diddaan FDG mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa keessaatti jabachuutti kan jiruu qeerroon nu hubachiisee jira.

1 thought on “Barttoota Oromoo Yuunversitii Wallaggaa

Leave a comment