Barattooti Oromoo Yuuniversity Gonder Mother Tongue Program Sagantaa Jedhu Akka Hin Hordofne Taasifaman

Amajjii 22,2013

Mootummaan Wayyaanee Barattooti Oromoo Yuunversitii Goonder keessaa baratan sababaa MTP (Mother Tongue Program) hordofaniif jecha saboota Amaaraa waliin akka walitti buan taasisan. Gaafa Amajjii 21,2013 barattooti Oromoo moorichaa baratan sagantaa MTP jedhu waan qabaniif qophii kanatti turanii osoo bahaa jiranii barattooti Abashaa heddummninaan barattoota Oromoo itti marsanii yeroo qophii irraa bahanitti miidhaa irraan gahuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa addeessa. Haala kanaan barataan Oromoo Stegaye Dhugumaa jedhamu haalaan miidhamee hosptala galee jiraachuu beekame.

1 thought on “Barattooti Oromoo Yuuniversity Gonder Mother Tongue Program Sagantaa Jedhu Akka Hin Hordofne Taasifaman

  1. Baratooti Oromoo naannoo nagaa isaaniif sodaachisu keessa jiran haalli isaan ittiin dhimma biyya isaanii irratti hojjetan haala hiciitiin ta’uu qaba. Namni keenya tokko miidhamuun akka nu miiidhu hubachuu qabna. Kanaaf baratooti keenya naannoo Amaaraa fi Tigraay jiran sochii qabsoo isaanii dhoksaan gochuu, maadhee uummachuun namoota shan, shaniin hiriyyaa fakkeessuun akkasumas jireenya waloo kan edilee fakkeessuun taasisuu qabu. Diinni yeroo mara Oromoo miidhuuf ( mullinumatti) qophaa’aa bula, mariyachaa bula. Haga harraa namni hata’uu humna mootummaa habashootaa Oromoota miidhan yeroo isaan seeratti dhihaatanii adaba seera argatan hin jiru. Egaa nutis habashoota akkuma bineensaatti ilaallee yeroo mara qophii ta’uu qabna. Hamma Oromiyaan bilisoomtutti ykn barattootni Oromoo gara naannoo kanaa barumsaaf dhaquu dhaabanitti rakkoon kun itti fufa waan ta’eef itti yaaduu qabna.

    Waaqayyo isin haa gargaaru!

    Nagaan

Leave a reply to Oromoo Cancel reply