Barattooti Oromoo Mooraalee Yuniversitii Adda Addaa Keessaa Ukkaamfaman.

Amajjii 18,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo gaaffii mirgaa kaasuun yakka ta’ee mootummaa Wayyaanee biratti erga muldhatee baroota 21 darbanii jiru.Haalli kun itti caaluu fi hammaachuu irra  Amajjii 17,2013 barattooti Oromoo Kolleejjii Yunversity Adimaas Finfinnee irraa baratan lama maqaa sochii dargaggootaan yeroo adda addaatti doorsifamaa turaniin yeroo ammaa loltoota Wayyaaneen ukkaamfamanii bakka jiran hin beekamu.

Kanneen kunis:-

1.Diinagdee Lemmaa barataa IT waggaa 2ffaa  fi

2.Derejjee Shifarraa IT waggaa 2ffaa

Yeroo ta’an kana irrattid abalees barattooti Oromoo Yuniversitii Aosoosaa 3 akka mootummaa Wayyaaneen hidhamanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

1 thought on “Barattooti Oromoo Mooraalee Yuniversitii Adda Addaa Keessaa Ukkaamfaman.

Leave a comment