Amajjii 15,2013 Finfinnee
Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffiiwwan mirgaa gaafataman mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessummaan shakkuun barattoota Oromoo 28 himata Gaarii Tolliinaan waamaman mana murtiitti dhiyeesse.Guyyaa haraa mana murtii Gullallee dhageettii haqaa fi himataatti dhiyeessuun beellama torbaan Jimaataatti qabuun barattootni barnoota isaaniitti akka hin deebine gochaa jira.Dabni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru daran jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu yeroo ammaa daran rakkisaa fi hammaataa tahee jira.Mootummaan wayyaanee tika mootummaa wayyaaneen ilmaan Oromoo fi habashaa walitti buusuun shira xaxe jalaa miliquuf ilmaan oromoon isintu kana godhe,ABOtu isinii kaffalee kana akka gootan taasise jechuun rakkisaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessattis ABO mirgi namaa akka kabajamu malee akka dhiitamu dhaaba barbaadu miti jechuun ifaan mootummaa Wayyaanee qaanessanii jiran.