Amajjii 09,2013 Finfinnee
5. Biyya abbaa keenyaa irratti salphachuu fi hidhamuun nurraa haa dhaabbatu
6. Barattoota oromoo waraanaa mootummaan ajjeefamanii fi kanneen miidhaman itti gaafatamummaa mootummaan haa fudhatu.
7. Gocha daba kana kan tolche seeraan haa gaafatamu kanneen jedha
Kan hammate yoommuu tahu barattootni Oromoo gamtaan iyyannoo isaanii galchanii jiran.Mootummaan Wayyaanees tokkummaa ilmaan Oromoon kan baarage yeroo ammaa mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee waraanaan tiksaa jira.Basaastotnii keessummaa dhalootaan Tigiree tahan yeroo ammaa kana mootummaa Wayyaaneen ramadamuun mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti hojii basaastummatti bobba’anii jiran.Barataa Girmaay Asrassee Abrihaa jedhamus sirna Wayyaaneen kaadhimamuun hojii diinummaa irratti bobba’ee akka jiru saaxilamee jira.Ilmaan Oromoo marti shira mootummaa Wayyaanee kana irraa akka of eegus qeerroon dhaamsa dabarfata.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti gaaffii ilmaan oromoo dura dhaabbachuuf ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa turuunii fi itti jiraachuun isaa ifa akka saafaa yoommuu tahu,barattootni Oromoo gaaffii bilisummaa fi dimokiraasii gaafachuuf eeyyama eenyu illee akka hin gaafanne murtii dhumaa dabarfatanii jiran.Shira mootummaa Wayyaanee kanaas dura dhaabbachuuf gumaatnii fi dirqamni ilmaan Oromoo mara irraa akka eegamu Qeerroon waamicha dabarsa.
Yaa rabbi harka nurra qabi!