Barattooti Oromoo 113 University Mooraa kiiloo 4 Keessaa hidhaman 7 Ammoo Gara Malee Reebamuun Gabaafame

Amajjii 03,2012 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo mooraa kiiloo 4 kaleessa eegale har’as akkuma jirutti jabaatee kan itti fufeedha. Walitti bu’iinsi gamlachuu irratti ta’een har’a Amajjii 3 hidhattoota wayyaaneetiin barattootni namni 113 qabamanii mana hidhaa galanii jiru. Barattootni kunis bakka lamatti hiramanii hidhamani,73 bakka tokkotti,40 bakka tokkotti.
Isaan barattoota 73 keessaa barattootni Oromoo 56,barattootni Amaaraa 8,Tigireen 4,Kibbi 5 yoo ta’an barattoota warra 40 bakka tokkotti hidhaman keessaa ammoo 18 Oromoo,kibbi 3,Tigiree 6,Amaara 13 akka ta’an odeessaan nu qaqqabee jira. Barattoota kanneen keessaa barataa Gammachuu fi Girmaa kan jedhamanii fi kanneen hafan 4 gar malee mada’uudhaan lafeen isaanii caccabuun ogeesssi fayyaa oprasiyoonii ta’anii akka yaalaman jedhamuun mana yaalaa ciisanii jiru,barataan Gammachuu jedhamu kun sadarkaa du’aatti akka eegamaa jiru odeessaan addeessa.
Qabsoon Itti fufa!! Gabrummaan ni kufa!!

5 thoughts on “Barattooti Oromoo 113 University Mooraa kiiloo 4 Keessaa hidhaman 7 Ammoo Gara Malee Reebamuun Gabaafame

  1. Ilmaan Oromoo biyya abbaa keessanii Oromiyaa keessattii bagasse barattanii jiraachuu fi hojjetatanii nagaan jiraachuu dadhabdabii ha.r diinnii qee fi qabeenya biyya abbaa keetii samee nyatee sirratti gabatee qee abbaa keetii Oromiyaa keessa ya.uu fi dhaabii sidhorkeee manabarumsaa ati keessatti barattuue fi bakka ati itti hogummaa araggatutti dhufee gartuu fi galtuu, maltuu fi yartuu sitti bobbaasee si ajjeesaa fi ajjeesisaa hisisaa fi saamsisa mana barumsaa irraa si ariisisaa jira Kuni haga yoomiitti haala kanaa n itti fufaa? Onassis fi calleensaan tolattii Bilisummaan eenyuuf manatti dhufaa Dhiiroo! Hidhaa fi miidhaa amma himna hidhataa waraana wayyaaneen baratoota Oromooo K4 tti irra ga ee fi ga, aa jiru kana Ummatni Oromoo marti bakka jirruu akkadirmannuu fi bira dhaabbannu wamicha lamummaa fi Oromummaa isiniif dhaamaa, baratootni Oromoo kan Oromiyaa keessa jirtan marti crassness waan senselessness maraan obbolaan keessan consent hiriiraa humnaa fi gurmuu gamtaa saba keessanii diinartatti QB agarsiisaa! Ilmi Oromoo founded kee tokko galaafadhuu wareegama seenaa qabu gootummaan seenaa kee QB keessattii galmee seenaarratti dhiigaan barreeffa dbu!
    Qabsaan ni kufa! Qabsoon itti fufa! Bilisummaan dhiigaane dhufa! Barnootni bilisummaan duuba ni dhufa!

  2. Fincilli diddaa gabrummaa kan baratootta oromoon egalamee jabaate kan itti fufu,akkasumatilee ummani oromoo waan dandeenyun cinaa dhabaachutu nurra egama.tooftan qabsoo bilisummaa oromoo kan yeroo ama kan durii caala halaan bareeda dha.jajjabaadha namu barii bara injiffanooti!

  3. An barataa Gammachuu Abdiisaan jedhama. Galatni koo Qeerroof guddaa dha. Dhugumaan du’aaf eegamaan turee.Garuu akkeekkii diinaa hedduu, Rabbii na dabarsee, barnoota koo bara kanaan xumura. Ammajjiin 3, anaa fi hiriyaakoo Girmaa tiif guyyaa seena qabeessa dha.

Leave a reply to Gammachuu Abdiisaa Cancel reply