Muddee 31,2012
Barattootni Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman hidhaatii hanga hiikaman qabsoo daran jabeessinee itti fufna jechuun Qeerroon yuunivariisii Hawaasaa qophii ayyaana haaraaf taasifamu irratti mariiatan.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii fi koollejiidhaa akkasumas manneen barnootaa gad aanaa irraa mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsamanii jiran.Kanneen lubuun ajjeefamanis danuu dha.Barattootni oromoo miliyoonaan lakkaaaman dhaabbiilee barnootaa keessatti baratan garbummaa bara baraa kana jalaa bahuuf ayyaana guyyaa WBO irratti marii tahuu akka qabu ibsanii jiran.
Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo qeee irraa buqqisaa,qabeenya saamaa kan as gahe yoommuu tahu kana guutummaan dhaabuuf yeroodhaa gara yerootti harka wal qabachuun hojjechuun dirqii dha.Mootummaan wayyaanee barattoota yuunivarsiitii yeroodhaa gara yerootti sababa oromummaa duwwaan kan ariiaa jiru hubachiisuun diddaa sabawwan cunqurfamoo dargaggootni Sidaamaa taasisan cinaas akka dhaabbatan ibsanii jiran.Yuunivarsiitii Hawaasaatii barataan dhalata sidaamaa tahe Zoodee Kaachisoo jedhamu yeroodhaa gara yerootti ati barattoota ijaaraa jirta jechuun diinaan qoratamaa jiraachuu fi ilmaan oromoo waliinis hidhata qabda baasi jechuun rakkifamaa jiraachuu ibsanii jiran.Mootummaan wayyaanee diddaa naannoo kanatti jabaate dura dhaabbachuuf ilmaan oromoo fi Sidaamaa 40 tahan mana hidhaatti ukkaamsuun ishees ni yaadatama.
Pingback: Qeerroon yuunivarsiitii Hawaasaa hanga bilisummaa gonfanutti gahee nurraa eegamu haa baanu jechuun waamicha dabarsan! « Oromo Freedom News and Views