Muddee 23,2012 Finfinnee
Naannoo uummattoota Kibbaa magaala Hawaasaa keessatti diddaan uummataa itti fufuun mootummaan Wayyaanee lammiiwwan Sidaamaa fi ilmaan Oromoo adamsuu itti fufe.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti impaayera biyyattii keessatti uummata gaaffii mirgaa gaafatu mana hidhaatti ukkaamsuu kan bare yeroo ammaa kana daran jabeessuun reebicha jabaa irraan gahee ukkaamsaa jira.Mudde 22/2012 kanneen mana hidhaa wayyaaneetti ukkaamsan keessaa
| Lakk | Maqaa | Teessoo | Hojii | lammii |
| 1 | Darajjee Kuusaa | Harbegoonaa | Hojjetaa mootummaa | Oromoo |
| 2 | Libano Laammessoo | Hawaasaa | Hojjetaa qonnaa | Sidaamaa |
| 3 | Miishoo Dalasaa | Hawaasaa | Hojjettuu mootummaa | Sidaamaa |
| 4 | Warquu Alamaayyoo | Harbegoonaa | Hojjetaa mootummaa | Oromoo |
Yoommuu tahan kanneen mana hidhaatti ukkaamsamanii turanitti ammoo mootummaan wayyaanee himata irratti bane tureen mana murtii dharaa isaatti hidhaa jabaan adabee jira.
Murtiiwwan kennamanis
1. Obbo Araggaa Tasfaayeetti hidhaa waggaa 6
2. Obbo Shibbiquu Maganee hidhaa waggaa 5
3. Obbo Indiriyaas Guugaa hidhaa waggaa 6 fi walakkaan adabee jira.
Mootummaan wayyaanee jarreen kana bara darbe isin mootummaa irratti uummata ijaaraa jirtu jechuun raga sobaan akka tahes beekamee jira.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu godhe mirga keenya falmachuu irraa kan nu dhaabu hin jiru jechuun Koreen gamtaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) fi Waldaan tokkummaa dargaggoota Sidaamaa ibsee jira.
Thank you!