Muddee 19,2012
Gaaffiin mirgaa uummatni oromoo gaafatu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee waraana federaalaa gara Magaallan Oromiyaa keessatti bittinsite.Mootummaan wayyaanee gaaffii uummatni oromoo gaafachaa jiru humnaan dura dhaabbachuuf kan akeekkatte waraana federaalaa gara magaala Dirree Dawaa,Amboo,Jimmaa,Shaambuu fi Naqqamteetti guuruu eegalee jira.Poolisootni federaalaa 300 tahan gara magaala Dirree Dawaatti kan geeffaman yoommuu tahu waraanni ABO magaala keessa jira soda jedhuun tahuu odeessi poolisii federaalaa irraa qeerroo dhaqqabe addeessee jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffii mirgaa uummata Oromoo dura dhaabbachuuf shira inni xaxu halkanii fi guyyaa hidhaa fi ajjeechaa yoommuu tahu gaaffiin hawaasni musliimaa gaafachaa jiranis mootummaa Wayyaanee kaumsaa fi taaumsa dhorkee jira.Wayyaaneen magaala Finfinnee keessattis sakattaa addaa eegaluun jiraattota magaala Finfinnee goolaa jira.Sakattainsi addaa keellaawwan magaalittii keessatti kan jabaate yoommuu tahu namootni mana dhabeeyyii tahuun karaa irra jiraatanis poolisootaan halkan reebamuun qoratamaa jiru.
Oromon gaaffii mirgaa kasee jedhamu kun oromo isaakamidha .enyuu wee mirgaa isaa beeke jira.yaada namoota yartun uumman hin jeqamu.kun beekame dharaa irra off qusachu waaya