Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfillootti Sabboontoti Diddaa Itti Fufan

Muddee 18,2012 Anifilloo

Gabaasaa godina Qellem Ana Anfilloo irratti dhimma misoomaa fi sulula baasuu jedhuun walgayii kaleessaa Muddee 17 mootummaan Wayyaanee magaalaa Muggii galma waajjira OPDOtti uummata walitti qabeen uummanni karoora isaan qabatanii dhiyaatan harkatti feshelleessuudhaan gaaffi armaan gadii kaasaniin uummataa fi kaabinoota mootummaa wayyaanee walgayii san mariisisuuf dhufan gidduutti mormii fi fincilli ka’uudhaan walgayiin isaanis feshelate, gaaffiin uummataa kunis gaaffii mirgaa waliin kan wal qabateedha :
1) Suluula qotuun meshaa ammaayyaa kanneen akkaa Tiirraakteran nuuf haata’u?
2) Ijoolleen barsiifne hojii haa argaattu?
3) Liiziin tooftaa qonnaan bullaa baadiyyaa irraa lafa magaalaa fi baaddiyaa fudhaachu waan taa’e haa dhaabbaatu?
4) Ummaannii Oromoo mana hidhaa jiru haa gadhiiffaaman?
5) Oromoon mirgoota Waqayyoon argate dhabuun haqa waan hin taaneef biyya isaa irratti aangoo siyaasaa haa argatu.
6) Jirreenyii nuttii dabbaala jiraa qarshii obbo Mallastu dhooksee bankii biyyaa alaa jedhamee jira, nuuf fidaa ykn immoo isiiinis angoo nama baratee lafa jiruuf gadi dhiisaa, beekaan utuu jiru wallaalaan akkamitti biyyaa bulchaa??jedhuun kaleessa gaaffiin kunneen uummata irraa ka’een walgayiin wayyaanee feshalateetu jira jedha gabaasaan qeerroo Ona Anfilloo irraa Muddee 18 addeessu.

1 thought on “Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfillootti Sabboontoti Diddaa Itti Fufan

  1. Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti qabsoon diddaa garbummaa geggeeffamaa jiru hedduu nama gammachiisa. Jabaadhaa! Qonnaan bulaa keenya yeroo hojiitti wal ga’ii ta’a. Biyyootni guddatan addunyaa irra jiran walga’iidhaan guddatani? Gaaffiin jedhus Uummata keessaa ka’ee walga’ii isaanii jeeqaa jira. Dargaggoota hojii dhaban nama 10f fi isaa oliif qr xiqqoo argachuuf IMX dhaan wabiidhaan rakkisu. Tigireef garuu nama tokkoof maatii isaa waliin konkolaataa fe’umsaa guddaatu kennamaaf. No equality at all. Kan nuuf falmu qabu nuun falma. IUOF

Leave a reply to Sabboonaa cunqurfame Cancel reply