Eebba Kitaaba Mataa Dureen Isaa “Tokkummaa” Jedhu Eebbisuuf Jimma Dirree Wawweetuutti Qeerroon Walitti Qabaman Diddaa Kaasaniin Mootummaan Wayyaaneen Jeeqame

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baayeen Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

4 thoughts on “Eebba Kitaaba Mataa Dureen Isaa “Tokkummaa” Jedhu Eebbisuuf Jimma Dirree Wawweetuutti Qeerroon Walitti Qabaman Diddaa Kaasaniin Mootummaan Wayyaaneen Jeeqame

  1. nagaan koo hadursuu jedhe isatti hansuudhaani gamaachuu amaana hin jedhamnee gaamade bayyee namaa boonsa hummattin keenya akkaa damaqee jirruu nuu hubachisaa hinturusi ni hurrasi jete boonbiin jabana amma mitiree

Leave a reply to Hawwiidd Cancel reply