Shamarran Oromoo Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii maadhee Urjii Lixaa jalatti wal ijaaruun dhimma QBO irratti ejjennoo fudhatan

Muddee 14,2012 Beegii

Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan geessisuuf qoodni shamarranii jabaa dha.Qoodni shamarran QBO keessatti kaffalanis baay’ee guddaa dha.Shamarran Oromoo godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaala Beegii keessa jiraatan walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessuun maadhee Urjii Lixaa jalatti of ijaaran.Shamarran kunneen barnoota isaanii Yuunivarsiitii fi koollejiidhaa kan xumuran yoommuu tahu cunqursaan mootummaa Wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti gaggeeffamu tokkummaa ilmaan Oromoon dhaabbata jechuun wal ijaaranii jiran.Shamarran Oromoo kunneen maqaa waldaa xixiqqaan(IMX) dhaan mootummaan wayyaanee shamarran ija siyaasaa jaamsaa turee fi itti jiru mormanii jiran.Maadheen Urjii Lixaa shamarran Oromiyaa keessaa yeroodhaa gara yerootti barsiisuun,dadammaqsuun gara QBOtti dabaluu irratti murtii jabaa fudhachuun adda durummaan akka hojjetan irratti walii galuun ibsa ejjennoo armaan gadii qabxii 6 kan qabu baafatnii jiran.

  • Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqa’utti gahee nurraa eegamu ni baana
  • Maqaa waldaa xixiqqaa fi Interpiraayiziin mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo gowwoomsaa jiru ni mormina
  • moorummaan wayyaanee hihdaa fi ajjeechaa akkasumas saamicha hanga dhaabuu fi bilisummaan mirkanaa’utti qabsoo irraa hin dhaabbannu
  • QBO hanga galaaan gahuttii fi boodas WBO cinaa dhaabbachuun gahee oromummaa ni baana
  • Shamarran Oromoo Oromiyaa keessaa fi bakkeewwan biroo mara ni ijaarra,ni barsiisna
  • Miidhaa mootummaa wayyaanee fi qaama biroon shamarran oromoo irrattii fi daa’imman Oromoo irratti gahaa jiru ni mormina

jedhu baafatanii jiran.Qeerroon Beegiis shamarran kanneenis galateeffatee jira.Shamarran Oromoo hundis walitti dhufuun maadheen akka wal ijaaran qeerroon dhaamsa dabarsa.

4 thoughts on “Shamarran Oromoo Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii maadhee Urjii Lixaa jalatti wal ijaaruun dhimma QBO irratti ejjennoo fudhatan

  1. Falli rakkoo keenyaa waa tokko. Eeyyee falli isaa tokkummaadha. Bilisummaan maannaa miti, samii irraa gad hin harca’u ta’us tokkummaan riqicha bilisummaati!

  2. jabaadhaa, yaa qeerroo oromo: filmaanni jiru lama qofa. Akkuma bara durii gabrummaa odoo waldhaalchifnu xinnaachaa awwaala oromo kan habashonni hawwan sana fudhachuudha.filmaani lammaffaa:oromo tahudha.oromo dubbachuudha.sammu-yaada oromoo horatuudha.ilma ormaa tahani mu’lachuun kessa sammuuti malee qaama gubbaa fi afaan miti.yo kessi sammuu nam tokkee tolaa gaarii oromo xinnoo qaawaan mil’ate orommuaa bal’oo argun isaa jijjiirama hoonga hinqabne akka galu mamni hinjiru.gabrummaa habashaa hundeerraa buqqisuun haga yoona sababaan guddaan ifatti mul’atu gubbaa qofaan oromo tahani kessaa orommummaa hanqatudha.waan hubannee sammu waan hubannee garaa miila maaf babattiftaan dubbii ree?waa murteefachu dadhabuun ko sababaa qaba.muguun kootis sababi qaba.eee usuun koo odon sagalee kee dhagahu ee gurraa duudun laafa,dadhabaa,doofaa,gabrooma,tuffatamaa tahuun koo.sababni off tahuu hanqacha koo mqofa,iftahanna ni mooha.qeerro h

Leave a reply to buro Cancel reply