Barsiisonni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Godina Shawaa Lixaa Keessaa Barsiisan Maadheen Wal Gurmeessanii Ejjennoo Fudhatan

Muddee 11,2012 Amboo

OromiaALutaContinua2011FDGGodina Shawaa lixaa aanaa Ijaajjii mana barnootaa adda addaa keessatti barsiisotni Oromoo walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii jabaa taasisan.Barsiisotni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi tokkoffaa barsiisan haala hammaataa mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa ilmaan Oromoo irratti keessumaa ammo dargaggoota Oromoo irratti gaggeessaa jiru mormuun waltajjii marii kanaa qopheessanii jiran.

Barsiisotni mana barnootaa kanneen keessaa mootummaa Wayyaaneen yeroodhaa yerootti qorannaa fi doorsisaan rakkachuu irra darbanii mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamaa,Jireenya qaala’een rakkamaa jiraachuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti akka marii’atan taasisee jira.Araara mooraa QBO keessatti taasifameenis gammachuu isaanii ibsatanii jiran marii baldhaa gaggeessan keessatti ejjennoo armaa gadii fudhatan:-

1. Wareegama barbaachisaa kaffallee QBO galmaan ni geessisna
2. Barattoota keenya akka abbaa fi haadhaatti qabannee dhimma QBO irratti akka hirmaatan ni hojjenna
3. Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef yeroodhaa yerootti shira wayyaaneen dhufu dura ni dhaabbanna
4. Dhaabbiileen mirgoottan namummaa biyyattii keessatti dhaabbatan sagalee ilmaan oromoo akka dhaga’an waamicha dabarsina
5. Maadhee jabaa yeroodhaa gara yerootti ijaaruun ni barsiisna
6. Wayyaaneen saamicha,doorsisaa,hidhaa fi ajjeechaa ilmaan oromoo irraa akka dhaabu gahee keenya ni baana
7. Mooraa QBO keessatti araara taasifame ni deeggarra,ittis gammadna

Kan jedhan yoommuu tahu . Fuula duraatti qeerroo waliin wal gurmeessuun akka hojjetanis eeranii jiru.

 

 

1 thought on “Barsiisonni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Godina Shawaa Lixaa Keessaa Barsiisan Maadheen Wal Gurmeessanii Ejjennoo Fudhatan

  1. dursee naanyii keenya isiin haa ga’uu bakumaa jirtaan hundaati woyyaaneen bakkama jirru marati nufaan buu’un hiidha bishaan abbayi jettee umaata oromoo bakka hundaati rakkisa jirti kaan duraa dhigaa oromoo dhugaa turaan yuu nigayaa

Leave a reply to galatoo haji Cancel reply