Godina Iluu Abbaa Booraa Yuniversity Mattuu Keessatti Qeerroon Diddaa Muldhisan

Muddee 09,2012 Mattuu
Muddee 8/2012 University Mattuu fi Godina Iluu Abbaa Booraa keessattii Ayyaanaa Sabaa fi Sablammotaa Wayyaaneen qopheesse irraattii Qeerroon fincilaa kaasuun gabaafame. Guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammiin kabajichsaa jechuun olola afaan fajjeessaa Wayyaaneen gaggeessaa turee bifaa garaagaraan Ummaanni mormii kan irraattii kaasee ta’uun beekama.

Baratootni Oromoo University Mattuus guyyumaa kana nuti mirgi keenyaa fi walumaa gala kan ummata Oromoo sarbamee jira,baroota 20f cunqursaan akkaanii fi gadi qabaan ummata Oromoo irra jiru haaka’u. mootummaan ukkaamsaa fi ajjeechaa Oromoo irraan gahu akka dhaabu jechuun iyyaa fi sagaleen jabaan diddaa isaanii dhageessifatanii jiru. Kana malees gaaffiin nuti kaafne hamma deebii argatutti nyaata qulqullina hin qabne hin nyaannu jechuun lagatan.

Kana Malees yeroo Ammaa kana rakkinaa nyaataan wal qabatee baratootni mooraa University Mattuu irraa barachaa jiran rakkoo Ulfaataa Keessaa jiraachuun gabaafame. Baratootni Oromoo 16ttii lakkaa’aman nyaata summaa’ee fi qulqullinaa isaa hin eggatne nyaachifamanii dhibee garaa kaasaa hamaan qabamanii rakkoo ulfataa keessaatti kan argaman ta’uun yeroo amma kana akka malee dhukkubsachuun Hospitalaa galanii waldhaansa gahaa dhabuun du’aa fi jireenyaa gidduu jiraachuun gabafamera. Haala kanaan gutummaan baratootaa University Mattuu dhakkubaa garaa kaasaan qabamanii gargaarsaa yaalaa guddaa kan barbaadaan ta’uun gabafame.

 

1 thought on “Godina Iluu Abbaa Booraa Yuniversity Mattuu Keessatti Qeerroon Diddaa Muldhisan

  1. Guyyaadhuma ayyaana sabaa fi sab-lammootaa kanaratti barattoonni yuuniversitii madda walaabuu diddaa mootummaa wayyaanee irraa qaban sirba qabsoo sirbuudhaan ibsatan.akkasumas magaalaa roobeetti bahanii sirba qabsootiin uummata magaalattii gamachiisan.komii nuti kan yuuniversitii kanaa dabarsuu dhiisuu keessan.kana booda qeerroo hundarratti xiyyeeffachuu qabdu !.

Leave a reply to Abdii Bilisummaa Cancel reply