Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Keessatti Diddaan Qonnaan Bultootaa Dhalate. Wayyaaneenis Yaaddoo Keessa Bu’uu Qeerroon Gabaase.

Muddee 08,2012 Finca’aa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo keessatti fincilli qotee bulaa dhalate. Aanaa Horroo Ashaayyaa keessaa mootummaan Wayyaanee maqaa hidhaa Laga Nasheen qotee bultoota kumaatamaan qe’ee irraa buqisee kaasaa isinii kaffalla jechuun sossobee hanga yoonaa xumuruu dhabuu irra darbee naannoo Dotii jedhamutti bakka uummatni dhukkuba busaan rakkachuu irra darbee tajaajilawwan hawaasaa kanneen akka mana barumsaa,Hospitaalaa,gabaa fi bishaan dhugaatii qulqulluun hin jirre galchuun rakkisaa jiraachuun beekame.

Qotee bultootni qe’ee isaanii irraa humnaan buqa’anii naannoo amma qubsiifaman kanatti dirqamaan kan galan yoommuu tahu Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti waadaa galuun wanneen barbaachisaa xumura jedhus uummatni obsaan eegee dhabuun irra deddeebbiin gaafatus deebiin waan hin kennamneef gamtaan falamatti seenanii jiran.Yeroo ammaa uummatni Oromoo naannoo kanaa dhukkuba busaa fi kanneen biroon haala hamaa keessatti kan argama.Qotee bulaan naannoo kanatti dhukkubaa fi rakkoo shira Wayyaaneen dararamaa jiru mootummaan Wayyaaneen yoomuu hiika nuu kennuu waan hin dandeenyeef ilmaan keenya akka nuu birmattan jechuun dhaammachaa jiran.

Haala kanaan rakkoon dabballoota Wayyaanee fi qotee bultoota jidduutti dhalate hammaachaa deemuu fi gamtaan qortee bulaa fi barattooti naannoo adda addaa irraa diddaa jalqabame kanatti birmachaa akka jiranis gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan yeroodhaa gara yeroottis rakkoon qotee bultoota kanneen irratti taasifamu akka dhaabbatu kanneen gaafatanus isin Seelii diinaati jedhamuun qoratamaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammaa qorannoo diinaan hedduu rakkamaa jiru.Hidhattootni naannoo kanaas isin uummata waliin jirtu malee mootummaa waliin hin jirtan jedhamuun qorannoo fi walgahii olola wayyaaneen rakkachaa jiru.

1 thought on “Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Keessatti Diddaan Qonnaan Bultootaa Dhalate. Wayyaaneenis Yaaddoo Keessa Bu’uu Qeerroon Gabaase.

Leave a reply to Lalo Cancel reply