Muddee 07,2012 Mattuu
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Diizii keessatti uummanni Oromoo godina kana aanaa garaa garaa keessaa walitti dhufuun ayyaana irreechaa yeroo 7ffaa haala ho’aan ayyaanessan. Ummanni Oromoo aadaa,seenaa fi amantii keenya guddisuun dirqama Oromummaati jechuun qophii ayyaana kanaa irratti uummatatti beeksisaa kan turan milkaa’un uummatni kumaatamaan lakkaa’amu walitti tokkummaan ayyaanessee jira.
Tokkummaan ilmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo kan uumu yoommuu tahu mootummaan Qeerroon gaaffii mirgaa uummatni akka kaasuuf cinaa dhaabbata sodaa jechuun basaastotaa fi waraana bobbaasus uummatni shira mootummaa wayyaaneef osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan ayyaanessee jira.Waamicha oromummaa Koree Gidduu Galeessaa DH.D.U.O irraa miseensota DH.D.U.O biiroo aadaa fi Tuurizimii dhaqqabeen miseensotni DH.D.U.O shira mootummaan wayyaanee ayyaana kana fashaleessuuf godhu saaxiluu isaaniin qeerroon galateeffatee jira.Hojiiwwan Mooraa QBO gabbisuuf godhamus tokkummaa saba Oromoon jabaachuu akka qabu Qeerroon waamicha dabarsee jira.Ayyaana irreechaa kana iratti qophiiwwan garaa garaa kan dhiyaatan yoommuu tahu walleewwan gootawwan Oromoo faarsanii fi kutannaa uummatni qabsoo keessatti qabu guddisuuf qeerroon wallisuun uummata hubachiisee jira.Uummatnis gaaffii mirgaa qeerroon kaasaa jiru cinaa dhaabbachuuf murtii dhumaa irra akka jiranis ibsanii jiraachuun gabaafame.
Tole hamma nuuf dandaa’ame ni hojjenna dhaamsa keessaniif guddoo galatooma