Diddaan Qeerroo itti fufe; ummatis walhubannoo ABO tokkoomsuuf godhame akka deeggaran ibsatan!!

(Qeerroo, Jimmaa, 30 Sadaasa 2012) Miseensoti Qeerroo godina Jimmaa keessa socho’an diddaa fi fincila isaanii jabeessuun ayyaana Wayyaaneen qopheeffatte irratti dhimma saba Oromoo fi gaaffii Oromoo belbelachaa ooluun gabaasame.
Oduun Qeerroo godina Jimmaa akka ibsutti, ayyaana kabaja sabaa fi sab-lammii ilaalchisee Qeerroon faaruu qeerrootiin barattoota waliin magaalaa fi mooraa yuuniversity Jimmaa keessa deddeebi’uudhaan sirbaa oolan.
Diddaa Sadaasaa 29 deemsisame kana irratti, akkasumas Araaramuu ABOtiin wal qabatee uummataaa fi barattootni godina Jimmaa,Illuu ona Mattuu,Buree, Cooraa, Darimuu akkasuma Qellem; Anfilloo, Gidaamii,Sayyoo fi Begii keessatti Araara Adda Bilisummaa Oromoo dhaga’uu irraan uummannii fi barattootni sirba qabsoo akka sirbaa turan beekamee jira.
Kana malees,waraqaa Tokkummaa ABO jabaateef gammachuu keenya ibsanna jedhuun akka gammachuu isaanii ibsatan oduun kun dabalee ibsee jira.
Sabboontoti Oromoo kanneen akka Ona Anfilloo,Begii keessatti argamanis haala walhubannoo jiru irratti gammachuu isaanii sirbaa fi dhaadannoo addaddaa barreessuudhaan ibsachaa turaniiru.

Itti fufee dhimma tokkummaa’uu ABO bu’ureffatee barattootni yuuniversity mooraa Finfinnee, Amboo fi Wallaggaa sochii keenyaaf jabina tokko tahuu isaa, uummanni keenya keessaa fi alaan walitti dhufee tokkummaa jabeessuun diina irratti qabsaa’uu kan tahu mata duree godhachuudhaan wal gayii adeesifatee jira.
Alaan dhaabni tokko tahuun isaa kanneen keessa sochii waarraaqsa irra jiran daran kan jabeessuu waan taheef adeemsa hojii qabsoo jabeessuu fi tooftaa haareessuuf qeerroon mooraa kanatti mari’ate gadi buusee hamma ganda keessatti hojjechuudhaaf murteesse,haal-duree tokko malee, boodatti osoo hin jedhin qabsoo hamma galii isaa gahutti gaggeessuuf qeerroon mooraa yuuniversity sadan kana irraa waliin murteeffate.
Kana malees, aannoo Finfinnee aanaa Sulultaa gandoota Akaakoo Manabbichuu ,Muloo Adaadii, Wareersoo Maalimaa, Kattaa Wallallee, Gullallee Gabiri’el fi Galaanoo Soboraa keessa Qeerroon jiru walitti dhufee uummata wal gayii teessisee jira. Walgayiin kunis kan bu’ureffate:
-Dhaabni ABO yeroo dheeraaf addatti qoodamee ture walitti dhufee tokko tahuu isaa, tokkummaadhaan galii isaa galmaan gahuudhaaf akka murteeffatee ka’e uummata kana hubachiisaa turaniiru,
-Akkasuma bifa leenjiin wal qabatee haala akkamiin diina dura akka dhaabbatan, gaaffii dhiyaatuuf deebii kan dhabeef diddaa gaaffii keenyaaf deebii dhabee irratti kaasuu fi kkf, ilaalchisee Sadaasa 29 qeerroon ona kana irraa uummata waliin tumsa dhimma qabsoo jabeessuu irratti marii godhateen uummanni gandoota kana irraa walitti dhufe ibsa ejjennoo isaa lafa kaayata.Inni kanatti aansee kan jiruudha.

Biyyaattii keessatti sirna Haqaa fi Diimokiraasii raggaasisuuf gama keenyaan dhaaba keenya ABO cina gorree ni hiriirra. Ijoollee qabnu xiqqaadhaa hamma guddaatti kaayyoo dhaabni keenya ABO fuulleffatee ka’e maatiidhaan nutis gama keenyaan galmaan gahuudhaaf irratti ni qabsoofna.
Diina keenya mootummaa wayyaanee shiraa fi kaayyoo isaa dura dhaabbachuuf tokkummaadhaan ni kaana.
Qabsoo bilisummaa keenyaaf beelli, dheebuun, qullaa tahuun, hiyyummaan, amantiin utu nu daangessin warraaqsa uummata oromoo qeerroo waliin tahuun wareegama barbaachisu raawwachuuf murteeffanneerra.
Deggersa barbaachisu dhaaba keenya ABOf raawwachuuf boodatti hin jennu.
Qabsoon keenya hamma galii gahutti, garboofataan keenya hamma kufutti,kaayyoon saba oromoo hamma milkaa’utti har’a Sadaasa 29 irraa kaanee qabsoo keenya eegaluuf murtoo keenya dabarfanna.
Akkasuma barattoota oromoo yuuniversitii Madda Walaabuu sadaasa 29 gammachuu Araara ABO sababeessuudhaan mooraa keessatti sirba Taaddalaa Gammachuu, akkana jechuudhaan mooraaa keessatti sirbaa akka turan gabaasaan qeerroo moorichaa addeessa. Kunis waraqaa dhaadannoo “ GADAAN KUN MILKII QABDI KAN ITTI DEEMAA JIRRUU….. jedhu barreessuudhaan geerarsaa armaan gadii kana dhegeessisaa turan jedha.
“Bakkalchatu Calaqqisa Biiftutu Dhufa Bariitu
Sabakoo Gadaan Keenya Milkiin Waa Fagoo Hin Jirtu
Faajjiin Galma Abbaa Gadaa Urjiin Odaa Irraa Iftuu
Yoomiyyuu Hawwiin Keenya Galma Geessi Malee Hin Haftu
Gaafa Tokko Haalli Mijaa’ee
Arguuf jirra Sabni Milkaa’e
Oromiyaan Bilisoomtee…….” Jedhuun guyyaa har’aa mooraa yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti barattoota dhageessisaa oolaniiru.
Walii galatti tokko tahuu dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo uummanni gammachuu isaa gama hundaan akka dhageessisaa jiru gabaasaan nu gahaa jira kana irratti hundaa’ee qeerroon uummata waliin qabsoo jabeessuf wal hidhatee ka’ee jira,gabaasaan jiru kan itti fufee jiruudha.
Qabsoon Itti Fufa!!
Gabrummaan Ni Kufa!!

1 thought on “Diddaan Qeerroo itti fufe; ummatis walhubannoo ABO tokkoomsuuf godhame akka deeggaran ibsatan!!

Leave a reply to sanyii Jaleta Cancel reply