Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversity Jimmaa Itti Fufe

Sadaasa 20,2012 Jimma
Gabaasaa FDG, Sadaasaa 17,2012 University Jimmaattii Diddaan Gootota Baratoota Oromoo Jabaatee itti fufuun Lukkeelee Dinaa Raasee! Gototni Barattootaa Oromoo University Jimmaa FDG jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusuun gabaafame.
Moraa University Jimmaatti Mummee barnotaa Tekinolojiii [enginering}, Mooraa Kittoo Furdisaa irraa barachaa jiraan Sadaasa 17,2012 galgalaa sa’aa 2:00 irraa egaluun Sirbotaa Warraaqsaa nuti Qeerroon Goota gurbee garaan kee maal sii kajeelee fi walleelee warraaqsaa adda addaa sirbuun Qeerroo moraa yuunversitichaa dammaqsuun diina rifaasisaaa akka bulan beekameera. Sababni galgala keessaa sa’atii sanattii FDG egalchiisee , torbee darbee Filmiin Bidiruu jaalaala, Mooraa University Jimmaa isa Guddaa[main campus] keessaatti agarsiifame ture, kaleessaa galgala immoo damee Yuniveristichaa kan kittoo furdisaatti Argamuttii Filmiin Afaan Oromoo kun argarsiifamuuf, wayita jiruttii lukkeeleen Wayyaanee akka Filmiin kun hin agarsifamne dhorkan. Torbaan darbe keessas baratootni filmii ilaaluu dhiisanii Waraqaa warraaqsaa raabsuu fi Sirbotaa nama kakasuu sirbuun FDG nurraatti kaasaan, kanaaf iyyuu Filmiin afaan Oromoo hin agarsifamuu jechuun dhorkaan, kana sababbeeffaachuun goototni baratoota Oromoo, Sirna Abbaa irree Adaa fi Afaan sabaa keenyaa akka hin guddaannee fi Oromoon jireenyaa gadoo keessaa akka jiratu kan gochaa jirtu, hubachuun diddaa cimaan duraa dhaabbatan, Filmiin kunis duraa dhaabbaannaa baratootaan ilaalame, wayita Filmiin kun ilaalamuttii Qeerroon gaaffiilee mirgaa hiree murteeffaannaa Oromoo baratootaa keessaa facaase, saboontotni Oromoos sirbotaa Warraaqsaa sirbuun diina akka qaanessan qeerroon gabaasa.

2 thoughts on “Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversity Jimmaa Itti Fufe

  1. Eyyee yaa sabboontota keenyaa lukti wayyaanee akka sosocho’aa jiru, akka of sodaachaa jiranis hubanneerra. Kessaattuu naannoon ani baradhu keessatti waa’ee eenyummaa keenyaaf dubbachuu hin dandeenyu. Barattoota waliin mooraa maa baruumsaa keessa socho’uu hin dandeenyu. Mirga keenyaafillee waan tokko falmachuu hin dandeenyu. Kan isin ajaa’ibu barataan tokko waa’ee oromummaas ta’ee waa’ee mirgasaatii dubbate taanaan akka yakkamaa tokkootti bulchiinsa mana barnootaatti dhiyeeffama. Kana malees waa baay’eetu jira……….. Barattoota nageenyaan barnoota isaanii baratanis basaastonni yoo jibban mana barnootaarraa ariisissuu ni danda’u. Maqaa basaastotaa kanneenillee isiniif kennuu nan danda’a.

  2. Akkas malee qeerroo keenya dhugumadha bilisummaan jabaatan malee akkasumatti hin argamuu.
    yeroo ammaa kana wayaneen sobdeetii akka leenca dulloomee ilkaan hin qabne ta’aa jirti.
    ufii ishee walitti ka’aa jirti
    jabaachuu dha
    ni bilisoona
    g3

Leave a reply to Walabuma Oromia Cancel reply