Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Bakkoota Adda Addaatti Sadaasi 9,Sirna Howaan Kabajame.Gumaacha Maallaqaas Ta’e

Sadaasa 10.2012 Jimmaa

Sadaasa 9,2012 Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraattii Yaadannoon FDG Sadaasa 9/2005 sirnaa ho’aa ta’een kabajamee, Sadasni 9 ummataa Oromoo birattii bakkaa ol aanaa kan qabuu fi kan ilmaan Oromoo qareeyyiin bilisummaa Ummataa Oromoof jechaa falmii bilisummaa gaggeessuun Jilmaan ittii ajjeeffaman, jilmaan itti hidhaman, jilmaan itti biyyaa isaanii irraa arii’atamaan waan ta’eef bara Qabasoon Oromoo Addaa Bilisummaa Oromootiin gaggeeffaamuu itti gurraa addunyaa harkisee waan ta’eef Ummataa Oromootiif guyyaa addaati, kanumaa ilaalchisuun guyyaa kaleessaa Sadaasaa 9/2012 Wamichaa fi Ibsaa Qeerroon kennee hordofuun Godinaa Jimmaa Mooraa University Jimmaa keessaattii sabboontotni baratootaa Oromoo mooraa University Jimmaa, akkaataa walittii dhiyeenyaa fi akkataa caasaa maadhee keessaattii hundeeffamanii jiranitti Dungoo halluu diimaa magariisaa diimaa bifa halluu alaabaa Addaa Bilisummaa Oromoo qabuu qabsifachuun kabajataan, baratootni koolleejjii barsisotaa Jimmaas akkasumaa manaa manattii walittii dhufuun guyyaa kanaa haala addaa ta’een kabajachaa olaan, Madheewwaan kanneen akka maadhee Hayyuu Biyyaa, Tokkummaan Humna fi Maadheen Gumaa baas Jaal Laggasaa Wagii jedhamaan jalattii hundeeffaman walittii dhufuun guyyaa kanaa haala Adda ta’een kabajachuun kaayyoo gototaa keenyaa fi bilisummaa saba keenyaa saffisisuuf jabannee ni hojjennaa jechuun Irbuu haaromsatan, ilmaan Oromoo bifa madheetiin ijaaramanii magaalaa Jimmaa ,fi Aggaroottii argamaan guyyaa kana haala adda ta’een kabajatan.

Haaluma wal fakkaatuun Godinaa Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu, Goree, Dhidheessaa, Cooraa fi Baddaalleettii sirnaa Ho’aa ta’een sadasni 9/2005 guyyaa FDG kabajame, keessaattuu, Caasaan Madhee  maqaa: Oromiyaa bu’uraa Biyyaa, Imaltuu,dhaamsaa Barii fi Soorii  Jedhamaan jalattii hundeeffaamanii jiraniifi caasaa maadhee isaan jala jiruu waliin dhaamsaa ABO dabarsee hordofuun haalaa baayee ajaa’ibsisaa ta’een kabajataan, FDG qabsifaamee waggaa 7ffaa lakkofsisee jiruu jabeessuu Jabeessuun ittii fufsisuun arsaa qabsoon nama gafattuu hanga wareegama lubbuuttii iyyuu yoo ta’ee baasuuf waadaa isaanii haaromsatan,kana malees miseensonnii madhee Ilmaltuu, Oromiyaa bu’uuraa biyyaa, fi Dhaamsaa barii jedhamaan qabsoo bilisummaa Oromoo daran saffisisuuf  buusii mallaqaa qarshii 600 walittii qabataan. Ammas guyyaa yaadannoo sadaasa 9/2005 kana sababbeeffaachuun sadarkaa garaagaraattii halaa garaagaraatiin Yaadannoon gototaa Oromoof godhaamuu itti fufa,

Guyyaa kana sababbeeffaachuun mootummaan Abbaa irree Wayyaanee TPLF fi EPRDF Humna waraanaa Bobbaasuun Ummataa sodachiisaa jira, keessaattuu mooraa University Jimmaa Akka malee egaa jiraachuun gabaafame, yeroo amma kana dabbalotaa fi humnotaa tikaa Wayyaaneetiin Baratootni Mooraa University Jimmaa hordofaamaa jiraachuun gabafamera, mirgii bilisummaan barachuu [academic freedom]n mirgi yaadaa ofii karaa walabaa fi ifaa taa’een ibsachuu dhabamee humna waraanaafi tikaatiin baraachaa kan jiran ta’uun ibsame, kun immoo mallaattoo motummaa abbaa irree kufaatii jala gahee ta’uu beektoni ibsaa jiru.

1 thought on “Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Bakkoota Adda Addaatti Sadaasi 9,Sirna Howaan Kabajame.Gumaacha Maallaqaas Ta’e

  1. Haalli amma jiru tokkummaa qabsaa’oota Oromoo ol kaasuuf baay’ee mijataa dha. Kanaaf akka carraatti itti gargaaramne qabsoo bilisummaa Oromiyaa Kaabaa hanga Kibbaa bahaa hamma Dhihaatti walfaana finiinsuu qabna. Yoo kana goone warri diina keenya to’achuuf itti hinmijatu;to’achuufis wareegama lubbuu fi maallaqaa hedduu ishii gaafata. Fknf. Walloo fi Arsii gubbaatti Oromoota ajjeesuu ishii akka carraatti dhimma baanee ummata dadammaqsuu dandeenya. Waan biraas.

Leave a reply to obsaa Cancel reply