FDG Jabaatee Itti Fufa!

(Qeerroo, Finfinnee,  20 Onkoloolessa 2012) FDG abbootii keenyaan qabsiisamee dhaloota dhalootatti darbaa jiru kutannoo fi murannoodhaan akka itti fufiinsaan gaggeessamu Qeerroon Bilisummaa Oromiyaa  beeksise.

Qeerroo Bilisummaa ibsa baase keessatti akka hubachiisetti, Fincila Diddaa Garbummaa Oromoo seenaa diddaa Oromoo kan karaa nagaatiin mirga ofii kabachiifachuuf kan eegalamee dha.

“Fincilli Diddaa Garbummaa Oromoo akeekaa fi kaayyoo Bilisummaa Oromoo guutummaatti galmaan ga’uuf kan biqile dha,” kan jedhe Qeeroon Bilisummaa, “Sadaasa 9: guyyaa yaadannoo FDG kan taasisames, fincillii fi diddaan eegalame, otuu addaan hin citiin fufiinsaan fi qindoominaan akka gaggeeffamu taasisuuf ,” jedhee  jira.

Keessaayyuu, “Kaayyoo FDG kan ta’e diddaa karaa nagaa finiinsuun ummati sgalee guddaa humna alagaa ofirraa kaasuu fi mirga isaa kabachiifachuu akka danda’u kan taasisu dha,” kan jedhe Qeerroon, fincloonni kunneen caalatti kabajamanii akka itti fufan gochuu irratti Qeerroon kutannoo fi murannoon hojjachaa akka jiru dhaamee jira.

Qeerroon Bilisummaa diddaa karaa nagaa taasisu keessatti hiriira bahuu, mallattoo Bilisummaa bakkoota mul’atan hundatti maxxansuu fi raabsuu, sagalee diddaa fi fincilaa dhageessisuu fi mootummaa garboonfataaf ajajamuu diduun kan fincilan yoo ta’u, diddaa fi fincilooti kunneen caalatti jabaatanii  kan itti fufan ta’uu Qeerroon ibsee jira.

Ayyaana Irreechaa irratti gaaffii haqaa fi bilisummaa ifatti dhiyeessuuf sagantaan akeekame milkiin raawaatamuu isaa kan ibse Qeerroon, Ayyaana kana irratti fedhiin saba Oromoo bilisummaa ta’uu, haga bilisummaan Oromoo hin deebinettis, diddaa fi fincili ummataa kan itti fufu ta’uu ifaan mul’isamuu isaa  Qeerroon itti dabalee addeessee jira.

32

Ayyaanota Irreechaa Bishooftuu fi Burraayyuutti kabajaman jiru irratti, keessaayyuu, Qeerroon kutannoo fi murannoodhaan haga mooraa waraanaa keessatti  Kaayyoo fi mallattoo bilisummaa Oromoo fannisuu fi maxxansuutti akka milkaa’an kan yaadachiise Qeerroon, sagantaaleen akkanaa jabinaa fi amantaa Kaayyoo diddaa irraa qaban kan agarsisu adeemsa karaa nagaa waan ta’eef, daran jabaatee kan itti fufu ta’uu ibsi Qeerroo ni hubachiisa.

1 thought on “FDG Jabaatee Itti Fufa!

Leave a reply to Abdela Genemo Cancel reply