Ajajaan Poolisa Oromiyaa Duraanii fi Gaafatamaa Dhimma Nageenya Mootummaa Wayyaanee Kan Ta’e Fiqaaduu Sobbooqaa Gutummaatti Hojii Irraa Ari’ame.

Onkoleelessa 17,2012 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee miseensota isaa irraa amantaa dhabuun hojii irraa ariiuu fi aangoo irraa buusuu erga jalqabdee bubbulus kan ammaa daran hammaachaa dhufee jira.Yeroo dheeraaf ajajaa poolisii Oromiyaa tahuun hojjetaa kan turee fi yeroo ammaa dhimma nageenyaa mootummaa Wayyaanee keessatti hojjechaa kan ture Fiqaaduu Sabbooqaa ati hojii keenya ,balleessaa jirta,hidhata ABO qabda,Hojiitti gahumsa hin qabdu,Iccitiin mootummaa gama keen saaxilame jira,Malaammaltummaa keessaa harka qabda jechuun hojii irraa ariianii jiran.Wal dhabdeen yeroo ammaa kana hanga Koree Gidduu galeessaa OPDOtti dhalachuun mootummaan Wayyaanee namoota amantamummaa irraa qabdu duwwaa haasofsiisaa akka jirtus saaxilamee jira.Wal gahii KG miseensotni marti irratti hirmaachuu qabanis qofaatti hirtee hirmaachisuu akka jalqabde saaxilamee jira.Mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana rakkoo biyyattii keessatti dhimma siyaasaan,dinagdeen mudate dura dhaabbachuu dadhabaa akka jirtus keessi mootummaa kanaa ifa godha.

3 thoughts on “Ajajaan Poolisa Oromiyaa Duraanii fi Gaafatamaa Dhimma Nageenya Mootummaa Wayyaanee Kan Ta’e Fiqaaduu Sobbooqaa Gutummaatti Hojii Irraa Ari’ame.

  1. Pingback: Ajajaan Poolisa Oromiyaa Duraanii fi Gaafatamaa Dhimma Nageenya Mootummaa Wayyaanee Kan Ta’e Fiqaaduu Sobbooqaa Gutummaatti Hojii Irraa Ari’ame. | STRUGGLING INJUSTICE IN OROMIA

  2. Wayyaane keessa oromota jirtan garaaf maa bitamtuu?Adi male guyya Tigreen fetee akkuma Alamaayyo Atomsaa kessanis karaan sanumaa OPDO maalif ofi of hin bulchine tigreen hanga yoom samamaa jiraattaa?nu hima!

Leave a reply to Jima Cancel reply