Onkoloolessa 14,2012 Burraayu
Ayyaanni Irreechaa Malkaa Hateetee (Burraayyuu) Onkoloolessa 14,2012 haala Oromoon haamlee cimaa fi dhaamsota warraaqsaa itti dabarfateen kabajame. Sabboontoti Oromoo adaa fi eenyummaa isaaniin boonan hamma 500,000 ta’an malkaa ateetee Burryyaatti argamanii yeroo kabajatanitti,mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisaa bobbaasuun Oromoota hedduu qabee hidhaa akka ture fi lafa ayyaanaa osoo hin gahiin magaalota adda addaa irraa akka duubatti deebisaa ture ifa galaa dha,addatti lixa Shawaa irraa kanneen ayyaanichaaf deeman naannoo Gafarsaa jedhamutti konkolaataa irraa buusuun gara dhufanitti akka deebi’an taasisanii jiru.
Saboontoti kanneen karaa adda addaan bakka ayaanichaatti argaman keessaa ammoo warraaqsa gaggeessitan wallee Oromoo kakakaasuu walliftanii ummata akka sirbu taasiftaniittu jedhuun namoota 25 ol akka hidhamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa. Maqaa fi bakka itti Oromoonni kun hidhaman gabaasa fuula duraatti dhiheessina.
Akka KQWUO akka gabaasetti odeessa dargaggoonni (Qeerroon) Oromoo ammas Bilisummaa fi Walabummmaa dhaaf kutannoo duubatti deebii hin qabne calaqqisiisuudhaan haamlee fi miira xiiqii kan Harsadiitti agarsiisaa turan haras irra deebiin mirkaneessaniiru!!! Haalli sirbaa fi dhiichisaan dhaamsa QBO dabarfachuu kun bara kana bifa adda taeen iddoo hundatti babalatee itti fufuun kun cinqii guddaa kan isaanitti uume Wayyaaneen haras tarkaanfii dargaggoota Oromoo hidhuu itti fuftee jirti.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!