Akkuma beekamu Guyyaan haraa,Fulbaanni 30 guyyaa kabajamaa Uummanni Oromoo aadaa fi amantaa abbootii keenya ganamaa hangafticha magaalaa Bishooftuutti gaggeeffatuudha. Biyyattii keessatti sirni Irreecha Alsadee kun bifa gammachuu fi hoo’aadhaan uummataa Oromoo fi Qeerrooleedhaan kabajamee darbeetu jira. Ayyaana kana irratti saboonni Oromoo argamanii jiran baayinni isaanii akka tilmaamutti miliyoona 4 hanga 5 ti jedhama. Kabaja ayyaana kanaa irratti dursa akkuma gabaasne mootummaan Wayyaaneedhaa hidhattoota isaa fi poolisoota isaa sirna kabajamuu ayyaanaa kana irratti ramadee akka jiru gabaasne jirra. Haatau malee waraanni mootummaadhaa haa jiraatuyyuu malee Qeerroo fi uummanni diddaa muldhisan itti fufuun muldhisee jira. Keessattuu magaala Bishooftuutti utuu hin galin waraanni wayyaaneedhaa daandii cufuudhaan uummata ayyaana kanaaf dhufu kiisiidhaa hamma kopheetti sakattauudhaan kaaniin ayyanicha akka hin hirmaatne duubatti deebisaa hamma nama 100 ammoo hidhuun beekameera. Haatau malee qeerroon magaala Bishooftuu irratti waraqaalee warraaqsaa hedduu fi ummati harki caalu kan harkatti qabate ta’uun beekama
Gama biraan magaalaa Bishooftuu bakka adda addaa keessatti qeerroon alaabaa ABO maxxansuu fi fannisuun ummata naannoo san irra darbu akka gammachiise beekamee jira.
Haala waraana wayyaanee ilaalchisee meeshaan dhukau osoo hin hafin uummata keessaa fi naannoo Irreechaa san kan buufatee jiru waraannii Wayyaanee kana kan jedhamu miti. Haatau malee uummata keessas faffacaanii yoo jiraatan illee Qeerroon dhaadannoo fi sirboota qabsoo Oromoo adda addaa dhageessisaa tureera. Uummataa fi Qeerroo keessaa kanneen ifatti WBO faarsan poolisootaan qabamanii mana hidhaatti akka geeffaman ifatti muldhatee jira. Walii gala gabaasaa dhimma kanaa gara fuula duraa qindeessinee isinii dhiheessina. Suuraan warraanni Wayyaanee ummata yeroo jeeqaa jiruu kanatti maxxansinee keenyee jirra.