Qeerroon Godina shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu dargaggoota Magaala Hoolotaa waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.Ibsa ejjennoos baafatan.

Fulbaana 24,2012 Kuyyuu

Qeerroon Oromoo Godina Shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu walitti dhufuun
dhimma QBO irratti marii jabaa taasisan.Qeerroon aanaa kuyyuu Qeerroo
shawaa kaabaa fi magaala Hoolotaa walitti fiduun dhimma qabsoo Oromoo
irratti mariiatanii jiran.Dargaggoonni naannoo kanaa QBO qeerroo fi ummata Oromoon galma akka gahu hubachiisuun ibsa ejjennoo baafatanii jiran.

1. QBO hanga galma gahu wareegama barbaachisaa ni baasna
2. Qeerroo Oromiyaa irratti ijaaruun gaaffii mirgaaf ni kakaasna
3. Mootummaa abbaa irree Wayyaanee aangoo irraa buusuuf ni hojjenna
4. Qaama qabsoo bilisummaa mootummaa abbaa irree wayyaanee buusu hunda
waliin ni hojjenna
5. DH.D.U.O hubachiisuun qeerroo waliin hiriirsuuf ni hojjenna
6. Diina keenya kan qabeenya Oromiyaa saamu yoomuu ni mormina
7. Qeerroo gola Oromiyaa mara waliin ni hojjenna Kanneen jedhan baafatanii jiru,Qeerroon Golee Oromiyaa mara keessaa wareegama barbaachisaa kaffaluun akka jabaatee QBOf hojjetu waamicha dabarsanii jiru.

1 thought on “Qeerroon Godina shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu dargaggoota Magaala Hoolotaa waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.Ibsa ejjennoos baafatan.

Leave a comment