Hagayya 29,2012 Gimbii
Godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Gabaa Sambataa keessatti Poolisiin Oromiyaa dargaggoota Oromoo yeroo dheeraaf rakkisaaa fi reebaa ture Ashannaafii Girmaa jedhamu harka uummataan reebame.Poolisiin Wayyaanee Ashannaafii Girmaa yeroo dheeraaf dargaggoota Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun mana hidhaatti guuraa kan ture dha.Poolisiin kun akeekkachiisni yeroodhaa yerootti irra deddeebbiin wayita kennamu irraa hin deebiu yeroo jedhutti uummatni naannoo kanaa reebuun of irraa ittisuuf dirqamanii jiran.Reebicha irra gaheenis Hospitaala Gimbii seenee jira.Mootummaan wayyaanee miseensa keenya kan reebe dargaggoota naannoo kanaati jechuun dargaggoota doorsisaa jira.Odeeffata uummata naannoo kanaaf kennuun kan reebsise poolisii Ajajaa shantamaa Tasfaa Ushaa magaala Naqqamteedhaa maqaa seelii diinaan gara Gabaa Sambataatti kan jijjiirte dha jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiru.
Haaluma Wal fakkaatuun diddaan qeerroon gaggeeffamu Godina Wallagga lixaa dhuunfachaa jira.Aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti qeerroon mootummaa wayyaanee cinqaa jira.Basaastotni mootummaa wayyaanee
1. Obbo Taliilaa Jaarmanaa hojjetaa finance bulchinsa magaalaa
2. Obbo Tashoomee Akaaluu dura taaaa DH.D.U.O aanaa Gullisoo
Diddaa qeerroon gaggeeffamu dura dhaabbachuu dhadhabuun waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota bakka argetti akka qabuu fi maqaa dargaggootaa kennaa jiru.Namootni kun hojii keessan irraa hin dhaabbattan taanaan qaaniin akka Poolisii Ashannaafii Girmaa akka isaan dhaqqabu dhaammatanii jiru.
Reebbitiin hinga’u.