Fincilli Sabboontota Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachis,Baabbichaa,Abuunaa Gindabaratii Keessatti Jabaate Itti Fufe.

Hagayya 27,2012 Amboo
Godina shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat,Kaachisii fi Baabbichaa keessatti fincilli uummataa dhoe.Mootummaan wayyaanee naaannoo kanatti humnaan dua Mallasaaf gaddaa jechuun wayita yaasaa jirutti qeerroon naannoo kanaa gamtaan dhaadannoo Mootummaa abbaa irreetti aduun dhihe,Oromiyaan ni bilisoomti kanneen jedhan dhaadachuun waraanaa fi kaabinoota wayyaanee waliin wal dhabdeetti seenanii jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroodhaa yerootti gaaffii mirgaa dhiheessaa tureen mana hidhaatti ukkaamsamaa kan ture yoommuu tahumirga abbaa biyyummaa ni mirkaneeffatna jechuun gamtaan uummata waliin irbuu seenanii jiran.ilmaan oromoo marti hiree murteeffannaaf akka kaus jabeessanii dhaamanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti waraqaaleen hubannoo siyaasaa uummataaf tahanii fi waamichi qaboo hedduumminaan maxxanfaman.Qabsoo uummata oromoon gaggeeffamu galmaan gahuuf hundi dirqama akka baanus qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.Suuraa Muummicha Ministeera Wayyaanee magaala kana keessatti gurguramuu jalqabe dura dhaabbachuun uummatni hiree murteeffannaaf akka kau dhaamanii jiran.

1 thought on “Fincilli Sabboontota Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachis,Baabbichaa,Abuunaa Gindabaratii Keessatti Jabaate Itti Fufe.

  1. Ummatni keenya warra bilisummaa oromoo gufachiisuuf halkanii guyyaa fiigaa jiran dhagahuu dhiisuun ormoota lubbuu isaanii bareedduu qabsoo kanaaf yaadachuun tokkummaa isa dhugaan WBO/ABO cinaa dhaabachuun TOKKUMMAA KEENYA HALAGAA irratti agarsiisuun yeroon isaa amma
    HAA JABAANNU!
    G3

Leave a comment