Waraanni Mootummaa wayyaanee dargaggoo Gamulee Tasgaraa Ayiraa Gullisootii ajjeesuun darbe.Diddaan daran jabaate.Dargaggootnis Jumlaan hidhamaa jiru!

Hagayya 24,2012 Aiyraa Gullisoo

Godina Wallagga lixaa magaaala Ayiraa fi Gullisoo keessatti dargaggootni Oromoo FDG qabsiisan.FDG qeerroo oromoon dhalate mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabuun tarkaanfii gara jabeenyaa raawwachaa jira.Dargaggoon oromoo Gamulee Tasgaraa jedhamu waraana mootummaa wayyaaneen ukkaamsamee ajjeefamee jira.Gamulee Tasgaraa waraana mootummaa Wayyaaneen Hagayya 20/2012 kan qabame yoommuu tahu waraanni Wayyaanee reebicha addaa irraan gahuun ajjeesanii darbanii jiran.ilmaan oromoo

1. Dragaggoo Yaaddessaa Tafarii

2. Barataa Seenaa Tafarii umrii waggaa 12

3. Dargaggoo Lijaalem Hambisaa

Jedhaman hidhamuun dararama jabaa keessatti kan argaman yoommuu tahu uummatni Oromoo naannoo kanaa ijoollee keenya gadhiisuu qabdu,Osoo arginuu qabdanii ajjeestanii hin darbitani jechuun dhaadannoo garaa garaa dhageessisaa jiru.Diddaan yeroodhaa yerootti babalachaa dhufeen alaabaan ABO magaala Gullisoo keessatti balaliiuun isaas ni yaadatama.

Leave a comment