Hagayya 24,2012 Hawaasaa
Mootummaan abbaa irree wayyaanee haala yeroo duuu Muummicha Ministeeraa Wayyaanee Mallas Zeenaawwii waliin kan wal qabate sodajabaa keessa seenanii jiran.Sodaan isaaniis uummatni waanjoo garbummaan gaggeessummaa Mallasiin qabamaa ture gaaffii bilisummaa gaafata kan jedhu dha.Gaaffiin mirgaa Kunis naannoo dhaa naannootti itti fufee jira.Mootummaan wayyaanee garuu namoota gaaffii mirgaa gaafatan hidhaan ukkaamsaa jira.Naannoo Uummattoota kibbaa magaala Hawaasaa keessatti hojjettootni mootummaa gaaffii bilisummaa kaasanii jabeessanii gaafachaa jiru.Mootummaan wayyaanees hedduu kan cinqame hojjettoota kanneen mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Hanga ammaa hojjettootni mootummaa 15 ol mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala Hawaasaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu hundi isaanii hojjettoota lammummaan oromoo ykn Sidaama tahan qofaa dha. isaan k eessaa
1. Obbo Dukaalee Lammisoo gaggeessaa waldaa daldaltootaa lammummaan Sidaamaa
2. Obbo Biraanuu Hankaraa Hojjetaa Biiroo aadaa fi misoomaa uummata sidaamaa
3. Obbo Bosolaa Gabbisoo dura taaaa Misooma sidaamaa
4. Obbo Iyyaasuu Raggaasaa gaggeessaa waldaa dargaggootaa
5. Obbo Kaasaa Addisee
Jedhaman keessatti argamu.Uummatni magaala Hawaasaa keessumaa uummatni Oromoo magaala Hawaasaa keessa jiraatuu fi Dargaggootni Sidaamaa hojjettootni keenya hatattamaan haa hiikaman jechuun mootummaa Wayyaanee cinquu itti fufee jira.Qeerroonis waraqaalee dhaadannoo hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman jedhu bakkeewwan yuunivarsiitii Hawaasaa,Amooraa Gadal,Piyaassaa keessatti afaan Oromoo fi Amaariffaan maxxansee jira.Uummatnis haamileen gaaffii mirgaa hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman gaafachuu itti fufee jira.