Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

Hagayya 20,2012 Naqamte.
Godina Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa Bakka Harqambee jedhamu irraa qonnaan bultoota Oromoo 300 qe’ee irraa buqisuun gumaati ykn kaasaan tokko osoo hin kafalamiiniif qe’ee alakilii fi abaabiliin irra jiraatan irraa buqisuun qabeenyummaa ofii jala kan dhuunfatan inveesiterroota Wayyaalee lama irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhachuun gabaafame.
Hagayya 18,2012 Inveesteroota maqaan isaanii Abajjee Xilaahun fi Tarikuu Bayyanee kanneen jedhaman irratti humni WBO tarkaanfii fudhateen ummanni naannoo fi kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii rakkoo fi gidiraa argaa turan gammachuu isaanii wallee fi sirbaan akka muldhisaa oolan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Wallagaa keessatti yeroo adda addaatti tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu irraa kan ka’e abootiin qabeenyaa Wayyaanee hedduun naannicha gadhiisanii akka bahaa jiran gabaasi qeerroo addeessa. Ummanni naannoo jirus haala kanaan mirqaansuu fi gammachuu akka qabu beekame.

http://youtu.be/4Ue1Lxxvd1Y

2 thoughts on “Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

  1. Tarkaanfiin investeroota Woyyaanee lafa Oromoo saamaa turan irratti fudhatamu godinaalee Oromiyaa kan biroottis babal’achuu qaba. Fakkeenyaaf godina addaa Finfinnee keessatti lafa Oromoo ka saamaa turan callisnee ilaaluu hinqabnu.

  2. akkas qeerroo!jabaachuu dha investerootni halagaa dachaa qabeenya oromiyaa irraa saamuuf nutti duulan duguugamanii yeroon b’an yeroon isaa fagoo miti.
    dur-wayaneen qoratnoo hayyoota oromoo keesuma misooma qonna jiranitti inni duraa investeroota
    naannoo biraa yoo dhufan akkamitti ilaalltu jechuun nama rakkisaa turan mitii ree!
    waan hundaaf tokkummaan WBO cinaa dhhabanne bilisummaa keenyaaf haa carraaqnu
    nagaatti
    g3

Leave a comment