Hawaasni musliimaa diddaa jabeessuun dhaadannoo dhageessisan.Addunyaan akka dhaga’uufis iyyatan.Ololli Wayyaanees fashale

Hagayya 10,2012 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa hawaasni musliimaa gaafatu mootummaa Wayyaanee ji’oota meeqaaf cinqaa ture.Gaaffiin mirgaa isaan gaafatan,Sagaleen isaan dhageessisan akka mootummaan biyya tokko keessa hin jirreetti ilaalama.Dhuguma mootummaan wayyaanee sagalee uummataa akka hin dhageenye ifa godha.Guyyaa har’aas hagayya 10/2012 guyyaa keessaa sa’a 1:00 pm irraa kaasee hawaasni musliimaa naannoo Masgiida Anuwaaritti hedduumminaan walittti dhufuun dhaadannoo dhageessisan.

Dhaadannoowwan

1.      Rabbi Guddaa dha(Allaah Akubar)

2.      Sagaleen keenya haa dhaga’amu!

3.      Kanneen hidhaman haa hiikaman!

4.      Filannoon keenya masgiida keenyatti!

5.      Amantiin bilisa!

6.      Mirgi keenya haa kabajamu!

7.      Wayyaaneen cunqursaa dha

Jedhan dhageessisanii jiran.Hawaasni musliimaa naannoo masgiida Anuwaaritti salaataan booda islaamummaan nagaa tahuu ibsuuf waan adii harkatti qabachuun kan dhaadannoo jalqaban yoommuu tahu diddaa hawaasni musliimaa itti fufu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee federaalotaa fi Poolisii Oromiyaa akkasumas basaastota hedduumminaan bobbaasus hawaasni musliimaa kutannaan itti fufanii jiran.Poolisootni,Federaalotni,Basaastotni akkasumas gaazexeessitootni olola afaanfaajjessaaf diddaan hawaasaa musliimaa hin jiru jechuuf naannoo sanatti argaman dhaabbatanii abdii kutannaan ilaaluuf dirqamanii jiran.Diddaa hawaasni musliimaa kutannaan itti fufe kana uummatni magaala Finfinnee hedduu kan deeggaru tahuus ibsachaa jira.Yeroo dhihoo darbee kanaa kaasee uummatni musliimaa hedduun ajjeefamuunii fi hidhamuun ni yaadatama.Sagaleen hawaasa musliimaa akka dhaga’amuuf qaamoleen dhimma kana hordofan addunyaatti akka isaanii iyyatan iyyachaas jiru.Qeerroon gaaffiin hawaasni musliimaa gaafatu qaama diddaa mootummaa wayyaanee tahuu ibsuun gaaffii mirgaa isaan gaafatan cinaa akka dhaabbatu dhaammata.

1 thought on “Hawaasni musliimaa diddaa jabeessuun dhaadannoo dhageessisan.Addunyaan akka dhaga’uufis iyyatan.Ololli Wayyaanees fashale

  1. Waam jennu dhabne
    rabbin du.aidhan kadhane yoom nu salfachisere mootumicha kaase Isjamuman maal akka tate agarsise du,e mo jirachu isa nu walilchise. Insha’ala guyya tokko membera isa irrat muslima tura.

Leave a reply to Jemal bino Cancel reply