Humni Addaa WBO Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhatee Injifannoo Goonfachuun Isaa Gabaafame.

Hagayya 07,2012 Naqamte
Konkolaataan Humna Ittisa Raayyaa Biyyaa(Makkalaakayaa) jedhamee kan Wayyaaneen yaamamu tokkotti Waraanni Wayyaanee fe’amee deemu humna addaa WBOn rukutame.
Hagayya 05,2012 Ona Giddaa keessa buufata waraana Wayyaanee adda addaa keessa olii fi gadi osoo deemaa jiranii humna addaa WBOn haxxeen itti hidhamuun nannoo ona Giddaa bakka Qaaqaroo Adaree jedhamee beekamutti tarkaanfiin irratti fudhatameen loltooti Wayyaanee hedduun hojii ala t a’anii 3 ammoo bakka malee madaayanii Hosptala Naqamteetti geeffamuu gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessa.
Gama biraan ona Habee Dongoroo bakka Tulluu Gaanaa jedhamee beekamutti tarkaanfiin qabeenya inverstera Wayyaanee irratti ammaan dura fudhatameen Hagayya 04,2012 humni waraana feederaala Wayyaanee naannichatti sakatta’aaf bobba’e irratti tarkaanfiin fudhatameen namni maqaan isaa Fiqiresillaasee Barihun jedhamu humana addaan tarkaanfiin irratti fudhatmun beekame,kanneen hafan battalumatti naannoo san gadhiisuun akka baqatan gabaafama.
Haala kanatti kan rifate sirni Wayyaanee ,ABOn jajjabee ykn komaandoo nutti bobbaasee jira jedhuun daandii baadiyyaa irra sosso’uu sodaachuun magaalaa keessatti mooraa tikfatanii akka jiran beekamee jira.
Kana malees Hagayya 05,2012 basaasota Wayyaanee bebbeekamoo magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiraatanii fi baroota dheeraa ilmaan Oromoo hiisisuu fi dararaan biyyaa ari’uu irratti kanneen beekaman lama irratti humni addaa tarkaanfii fudhachuun beekame. Basaasa maqaan isaanii Derajjee Geetahuun jedhamuu fi basaasa biraa maqaan Efreem jedhamu osoo konkolaataa waajjira qajeelcha fayyaa godina baha Wallaagaan sosso’u irratti haleellaan ta’uu gabaafame.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Humni Addaa WBO Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhatee Injifannoo Goonfachuun Isaa Gabaafame.

  1. yeroo baayyee sirba HAILUU KITAABAA durii keessaa “WBO KOO WBO KOO YAA LEENCA BOSONA……!” ega hundi keenya WBO cinaa dhaabachuun BILISUMMAAkeenya gonfachuun dirqama hunda keenyaati TOKKUMMAA ISA DHUGAAA warra afaan nu faajjessu dhageeffachuu nurra hin jiru.
    YEROO TOKKO QORANNAA JECHUUN BULCHAAN AANAA IBAANTUU BADHAASAA GOOBANAA JEDHAMU(ABBAA GARAA WAYANEEF BITAME)UTUU HOJJETOOTA QORATUU NAM TOKKO DUBBIIF GAAFFII GAAFATE “hangaffotni jaarmiyaa oromoo eenyu dha jennaan,hiddi mataa ka’uun
    HANGAFTI AMMOO ABO DHA “JEDHE
    KANAAF ADDA DUREE GODHANNEE KAN BILISUMMAA KEENYAAF QABSOOFNU ABO TA’UU SHAKKIIN HIN JIRU.
    ABBAAN FEDHE AYYAN-LAALLATTUMMAAN WAAN FEDHE XEBERUU NI MALA
    QEERROO KOO JABAADHUNUTIS CINAA HAA DHAABANNU.
    NAGAATTI
    G3(GALAAN GALAASAA GOOLEE)

Leave a reply to GOOLEE Cancel reply